Little Life Docs: Science-Based Child Health Child Health,Growth and Development,Nutrition and Diet,Safety and First Aid Daa’ima keessan xuuxxoon hoosisuu dura maal gochuu akka qabdan beektuu?

Daa’ima keessan xuuxxoon hoosisuu dura maal gochuu akka qabdan beektuu?

xuuxxoon hoosisuu
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/tzcj

Sharing is caring!

Daa’imman reefuu dhalatan garaagarummaa sa’aatii 2-3 gidduutti harma haadhaas tahu aannaan xaasaa/Formula argachuu qabu. Akkuma umuriin dabalaa deemeen garaagarummaan sa’aatii itti nyaatan ni dabala.Yeroo harma hoosisnutti ykn xuuxxoon hoosisnutti daa’imman tasgabbeessuu qabna. Daa’imni keessan nyaata kennuu jalqabuu keessan dura uffata mijataa uffisuu fi daayippariin isaa/ishee gogaa tahuu qaba. Dhaabbanni fayyaa addunyaas tahe Akkaadaamiin daa’immanii Ameerikaa, daa’imman xuuxxoon hoosisuu ni dhorka. Innis sababa rakkoo fayyaa mataa isaa waan qabuufi. Dirqama yoo tahe garuu qajeelfama kana hordofuun barbaachisaadha.

Advertisements

 Daa’imman xuuxxoon hoosisuu dura maal gochuu qabnaa?

  1.  Aannan harma haadhaa ykn foormulaa xuuxxoo keessa jiru bishaan xiqqoo ho’e keessa kaa’uudhaan ho’isuu dandeessu. Ho’a kutaa mana keessaa waliin kan madaale tahuu qaba.
  2. Daa’ima keessan gubuu waan danda’uuf ho’a kutaa manaa (room temperature) caalaa ho’uu hin qabu. 
  3. Osoo daa’imaaf hin kenniin dura, ho’a aannan harma haadhaa ykn foormulaa keessoo harka kee irratti cophsi ilaaluu qabda. Ho’a xiqqoo tahuu mirkaneessuu qabda. 
  4.  Fiixee xuuxxoo sun muramuu hin qabu

Daa’imman akkamii xuuxxoon hoosisuu qabnaa?

  1. Daa’ima keessan nyaachisuun dura harka keessan dhiqadhaa.
  2. Xuuxxoon hoosisuuf bakka mijataa taa’uu qabda. 
  3. Daa’ima keessan qaxxaamuraa harka keessanii qaama keessanitti dhihoo ta’een qabadhaa. 
  4. Mataa fi dugda isaanii ol qabuu qabdu. Innis akka hin fe’amnee fi miira mijataan akka hodhan isaan gargaara.
  5. Xuuxxoo bakka hudduu isaa innis aannan gara fiixee xuuxxoo akka dhufu gargaara.
  6. Yeroo hoosistanitti gidduun dhaabuun akka boqonnaa fudhatanii itti deebi’an gochuu. Hanga mallattoo quufuu agarsiisanitti haa hodhan. Hammi daa’imni keessan nyaatu umurii isaanii irratti hundaa’a.
  7. Qilleensa liqimfame kamiyyuu ofirraa baasuuf yeroo nyaata/aannan hoosistanii booda daa’ima keessan yeroo 2 ykn 3 ol qabuun qoma duubaa suuta sukkuumuu barbaachisa. Yeroo isaan akka deeffatan taasisnutti:-
    • Huccuu xiqqoo qoma irra areeda isaanii jala kaa’i.
    • Qomakee irra kaa’uun dugdaa fi mataa isaanii duubaa akkasumas areeda isaanii deeggaruun ofitti qabadhu
    •  Harka kee isa kaaniin dugda isaanii suuta sukkuumi. Kuni hanga isaan deeffatanitti tahuu qaba.
    • Yeroo tokko tokko aannan namaa ykn foormulaa xiqqoo baasuu danda’a.

Erga xuuxxoon hoosifnee booda maal gochuu qabnaa?

  • Qaruuraa, fiixee harmaa, qubeelaa fi qadaaddii isaa bishaan saamunaa ho’aa keessatti ykn meeshaa mi’a keessatti dhiqxu keessatti dhiquu barbaachisa. 
  • Guutummaatti erga dhiqnee qilleensi keessatti akka gogu taasisaa. 

Of eeggannoon yeroo daa’imman xuuxxoon hoosisuu taasisuu qabnu maalii?

  1. Ogeessa fayyaa keessan osoo hin maari’atiin dura akkaataa daa’ima keessan nyaachiftan jijjiiruu dhiisuu.
  2. Yeroo daa’ima keessan nyaachiftan mataa fi qoma isaanii ol qabuu qabdu. Bakka diriiranii ciisanitti hoosisuu hin qabnu.
  3. Daa’imni keessan xuuxxoo waliin akka rafu hin godhinaa. Caccabuu fi urachuu ilkaaniif sababa waan taheef.
  4. Aannan harma haadhaa ykn foormulaa hodhanii booda irraa hafe kamiyyuu sa’aatii 1 ol yoo ture gatuu qabna.
  5. Damma, aajjaa ykn nyaata biroo xuuxxoo daa’ima keessanii keessa hin kaa’inaa. Kana jechuun xuuxxoodhaan aanaa xaasaa/formula fi aannan harma haadhaa yoo tahe malee kanneen biroof fayyadamuu hin qabnu.

 

Views: 10

Leave a Reply

Related Post