Daa’imman bicuun harma haadhaa hodhuu ni lagatuu?

lagannaa harma haadhaa hodhuu
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/fcq0

Sharing is caring!

Wantoonni tokko tokko daa’imman harma haadhaa hodhuu akka lagatan godhuu malu. Kana jechuun, daa’imni tokko ji’ootaaf akka gaariitti erga hodhaa tureen booda yeroodhaaf akka tasaa harma haadhaa hodhuu didu jechuudha.  Innis waan sirrii hin taane jiraachuu isaa daa’imnikee yeroo sitti himuuf yaalaa jirudha.

Advertisements

Garuu lagannaa harma haadhaa hodhuu jechuun daa’imni keessan harma irraa kutuuf qophaa’eera jechuu miti. Lagannaan harma hodhuu kunis yeroo baayyee yeroo gabaabaaf qofa kan turudha.

Sababootni lagannaa harma haadhaa daa’imman bicuu irratti maalii?

Sababoonni lagannaa harma hodhuu daa’immanii baay’inaan mul’atan:-

  1. Dhukkubbii ykn miira isaanitti hin tolle:-  Ilkaan baafachuu, infeekshinii fangasii afaanii ykn madaan yeroo harma hoosifnu dhukkubbii afaanii fiduu danda’an fa’a.  Infeekshiniin gurraa yeroo xuuxuu ykn gama tokkoon ciisan dhukkubbii fiduu danda’an.  Akkasumas dhukkubbiin talaallii irraa dhufu yeroo murtaa’e keessatti miira hin tolle fiduu danda’a.
  2. Dhukkuba (Illnesses):- rakkoo funyaan cufu daa’imanii yoo qabaman. Allerjii, Utaalloo tahuu danda’a.
  3. Dhiphina:- Osoo hin hoosisiin turuun yeroo dabarsuu, yeroo dheeraaf haadha irraa adda bahuun jeequmsaa fi rakkina harma lagachuu fiduu danda’a.  Yeroo harma hoosistu miira dheekkamsaa kan mul’istu yoo tahes ni fida.
  4. Urgaa ykn dhamdhama duraan hin baratamne:- Jijjiiramni urgaa keessan sababa saamunaa, urgooftuu, looshinii ykn urgooftuu haaraatiin dhufu daa’imni keessan fedhii harma hodhuu akka dhabu gochuu danda’a.  Jijjiiramni dhandhamaa aannan harmaa sababii nyaata nyaattan, qoricha, marsaa laguu ykn deebi’anii ulfaa’uu keessaniin kan ka’e.
  5. Dhiyeessiin aannani hir’achuu:- Foormulaa dabaluu ykn hoosistuu (pacifier) yeroo dheeraaf fayyadamuun dhiyeessii aannani keessan hir’isuu danda’a.
lagannaa harma haadhaa hodhuu

lagannaa harma haadhaa hodhuu daa’imman bicuu

Daa’imman bicuun yoo harma haadhaa hodhuu lagatan maal gochuu qabnaa?

Lagannaan harma hodhuu daa’immanii siifi daa’ima keefis miira hin tolle uumuu mala. Miirri daa’imnikee si jibbee ykn sitti mufatee si keessatti uumuu mala.  Waan akka badii dalagdeetti yaaddee cinqamuu hin qabdu. Isaanis:-

  • Harmikee akka hin bokokne ittisuuf fi dhiyeessii aannani keessan akka duraan eeguuf, tartiibuma dura daa’imnikee hodhaa tureen elmi.  Aannan elmame kana fal’aana, finjaalaa ykn qaruuraatiin daa’ima keessan obaasuudha. 
  • Irra deddeebi’uun hoosisuu yaalaa:- Yoo daa’imni keessan dide, dhaabaatii booda irra deebi’aa yaalaa.  Daa’imni keessan yeroo  hirriba keessa jiru hoosisuuf yaalaa.
  • Akkaataa dura qabattee hoosisaa turte jijjiiri:- Tooftaalee harma hoosisuu adda addaa jiraniin yaali.  Yoo funyaan daa’ima keessanii cufamuun cinqameera tahe , harma kennuun dura funyaan isaa xuuxuun gargaaruu danda’a.
  • Yeroo hoosisuuf eegaltan Qalbiin daa’ima keessanii hatuu (Distraction)
  • Daa’ima keessan kutaa callisaa keessatti hoosisuuf yaalaa.
  • Daa’ima keessan hammachuu:- ofitti maxxansuum siifi daa’ima kee gidduu jiru fedhii daa’imni kee harma hoosisuuf qabu haaromsuu danda’a.
  • Yoo daa’imni keessan yeroo harma hoositan isin ciniine, miira dheekkamsaa osoo hin mul’isiin furuu qabna.
  • Jijjiirama hojii idilee kee keessatti mul’atu madaali.  Jijjiirama hojii idilee keessan irratti godhamu daa’ima keessan mufachiisuu danda’u kamiyyuu yaadi.  Dhiphina keessa jirtaa?  Qoricha haaraa fudhachaa jirtuu?  Nyaanni keessan jijjiirameeraa?  Urgooftuu haaraa ykn saamunaa urgooftuu fayyadamaa jirtaa?  Ulfa ta’uu dandeessaa? Of kunuunsuu irratti xiyyeeffadhu.
  • Yoo lagannaan harma hoosisuu guyyoota muraasaa ol kan turu yoo tahe, daa’imni keessan haalli ulfaatinaa fi bobbaa kan yeroo biraa caalaa xiqqaa ta’e ykn daa’imni keessan harma hodhuu lagachuu isaatiin yoo isin yaaddesse, hakiima daa’ima keessanii mariisisaa.

Gudunfaa

Yeroo hedduu garuu yaalii muraasa booda haala duraan gaarii tureen harma hodhuu isaanii itti ni fufu!

Views: 12

Leave a Reply

Related Post

Talaalii

Talaalliin maalii?Talaalliin maalii?

Talaalliin kunuunsa ittisaa fayyaa daa’immaniif kennaman keessaa isa murteessaadha.  Talaalliin daa’immaniif faayidaa akka ittisa dhukkuboota ciccimoo ykn dhukkuba lubbuu namaa balaa irra buusuu danda’an irraa eeguuf, tatamsa’ina infeekshinii ittisuuf, akkasumas