Little Life Docs: Science-Based Child Health Child Health,Common Illnesses,Healthcare Access,Nutrition and Diet Daa’imman irratti dhibee sukkaaraa gosa kamiitu baayyinaan mullataa?

Daa’imman irratti dhibee sukkaaraa gosa kamiitu baayyinaan mullataa?

dhibee sukkaaraa
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/5c89

Sharing is caring!

Dhibee sukkaaraa jechuun Yeroo dheeraaf yoo sukkaarri dhiiga keessaa dabalu jechuudha. Dhukkubni sukkaaraa dhukkuba umurii guutuudha. Hanga ammaatti qoricha filannoo malee qorichi fayyisu hin jiru. Dhukkubni sukkaaraa ittisuu fi hir’isuun ni danda’ama. Hormoononni faallaa lama kan xannacha rajiijiin oomishaman kanneen hamma sukkaara dhiigaa to’atan, insuliinii fi gilukaagooniidha.

Insuliiniin maalii?

Nyaata booda hammi sukkaaraa dhiiga keessaa yeroo dabalu, xannacha keessaa gara dhiigaatti gadi lakkifamee, sukkaara yeroodhaaf hin fayyadamne maashaalee keenya: coomaa fi Tiruu keessa akka seenu gochuudhaan sadarkaa sukkaaraa hormoonii sirreessudha.

Advertisements

Gilukaagooniin maalii?

Yeroo hammi sukkaara qaama keenyaa gadi bu’u gilgaalayiin maashaa, Tiruu fi cooma keessatti kuufame gulukoosiin akka uumamu taasisa, kunis hammi sukkaaraa dhiiga keessaa akka ol ka’u hormoonii taasisudha.

Gosoota dhibee sukkaaraa daa’immanii

  1. Dhukkuba sukkaaraa Gosa 1ffaa:– yeroo hedduu daa’imman irratti mul’ata.
  2. Dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaa:- ga’eessotaa fi daa’imman furdina garmalee qaban irratti.
  3. Gosa biroo (dhukkuba sukkaaraa daa’immanii, jeequmsa sukkaara uumamaa fi taateewwan insuliinii jeeqan).

Garaagarummaa fi wal fakkeenyi gosoota dhibee sukkaaraa maalii?

Kan isaan wal fakkeessu maalii?

  • Lamaan isaanii iyyuu yeroo hammi sukkaaraa dhiiga keessaa garmalee olka’udha.

Garaagarummaan isaanii maalii?

Sababa:-

    • Gosti tokkoffaan oomisha insuliinii hir’achuu irraa kan ka’edha
    • Gosti 2ffaan yeroo oomishni insuliinii gahaa ta’e, hamma eegametti hin hojjetu (adaptation). Kunis hamma insuliinii qaama keessatti gadi lakkifamu hir’isa.

Wantoota dhukkuba sukkaaraaf saaxilan:

  1. Gosa tokkoffaa:-

2. Gosa Lammaffaa:-

    •  Furdina qaamaa garmalee
    •  maatii dhukkuba sukkaaraa qabu,
    •  nyaataa fi akkaataa jireenyaa.

Yeroo mallattoon dhukkubaa mul’atu:-

  • Gosti 1ffaan mallattoo yeroo gabaabaa waan agarsiisuuf dhibeen kun osoo miidhaa hin geessisin dafee adda baafama.
  • Gosti lammaffaa immoo yeroo dheeraaf osoo hin adda baafamin tura waan taheef erga qaamolee adda addaa irratti miidhaa geessiseeti barama.

Wal’aansi isaanii adda:

  • Gosa tokkoffaa:- Insuliinii oomishameen kennuun yaalama
  • Gosa lammaffaa:- Insuliiniin gosa 2ffaa kan xannacha rajiijiin oomishamu, akka inni sirnaan akka dalagaa isaa saffisiisu godhu kennuun yaalama.

Gosa dhibee sukkaaraa tokkoffaa

Innis kan uumamu yeroo guutummaatti hanqinni insuliinii jirudha. Irra caalaa ijoollummaa keessatti kan mul’atudha. Yeroo baayyee yeroo mana barumsaa duraa fi dargaggummaatti mul’ata. Dhukkubsattoonni kunneen umurii isaanii guutuu qoricha insuliinii fudhachuudhaan turu.

Taatee dhibee sukkaaraa gosa tokkoffaa

Qaamni keenya farra qaama dhukkuba ofirraa ittisuuf oomisha. Yeroo tokko tokko, baakteeriyaan ykn vaayirasiin bocaan seelii qaama keessa jiru tokko tokkoo wajjin waan wal fakkaatuuf sirni ittisa qaamaa dogoggoraan seelii qaama ofii balleessa. Dhukkubni sukkaaraa gosa 1ffaa kanaan kan dhufudha. Seelonni beetaa insuliinii oomishanii kan xannacha rajiijii (seelonni beetaa xannacha rajiijii filannoodhaan balleessu) sadarkaa insuliinii haalaan hir’isu. Seelonni beetaa kutaa xannacha rajiijii keessatti hafan dandeettii insuliinii oomishuuf qaban ni dabalu, yeroon darbaa deemuun garuu lakkoofsi isaanii gara dhibbeentaa 20 fi isaa gaditti gadi bu’a, mallattoon dhukkuba sukkaaraa ifa ta’e dhukkubsataa irratti mul’achuu jalqaba. Kunis sukkaara garmalee fi dhukkuba sukkaaraa fida.

Wantoota insuliinii hir’isan maal fa’aa?

  1. Guutummaatti hanqina insuliinii kan qabu (gosa 1ffaa):
    • Seelonni insuliinii oomishani siruma uumamuu dhabuu
    • Seelii insuliinii oomishanii guutummaatti baduu
    • Dhukkuba xannacha rajiijii, balaa tasaa ykn baqaqsanii yaaluu fa’a.
  1. Hangi insuliinii hir’achuu (gosa 2ffaa):-
    • Dandeettiin sukkaara maashaa, Tiruu ykn kuufama coomaa keessatti kuusuu hir’achuu.

Wantootni dhibee sukkaaraa gosa tokkooffaaf saaxilan maalii?

  1. Uumamaan dhukkuba kanaaf saaxilamaa tahuu: maatii sadarkaa tokkoffaa keessatti dhukkuba sukkaaraa qabaachuu/ sanyiidhaan daddarbuu.
  2. Dhukkuboonni vaayirasii daa’imman irratti dabaluu / rubella, mumps, cytomegalo virus, entero viruses
  3. Seelonni uumamaa insuliinii oomishanii jiraachuu dhabuu
  4. Umurii ji’a jahaa dura aannan sa’aa jalqabuu
  5. Nyaata aaraan bilchaatan/Naayitiroosaamiin waan akka qophaa’u godha.

Mallattoolee dhibee sukkaaraa maalii?

  • Bishaan amma amma baayi’inaan dhuguu
  • Amma amma fincaan fincaa’uu/boolahuu
  • Amma amma beelahuu/amma amma nyaachuu
  • Miira dadhabbiin
  • Ulfaatina qaamaa hir’isuu ykn guddina dhaabuu.
  • Dandeetti dhukkuba of irraa dhorkuu qaamaa hir’achuu
  • Miira ol deebisuu godhachuu/nausea

Qorannoo dhukkuba sukkaaraa mirkaneessuu

  1. Ciree dura hangi sukkaara dhiiga keessaa 126mg/dL fi isaa ol yoo tahe.
  2. Yeroo kamiyyuu qorannoon sukkaara dhiiga keessaa 200 mg/dL fi isaa  ol yoo tahedha.

Of eeggannoowwan yeroo qorannoo taasisuu qabnu

  • Bu’aa qorannoo sukkaara dhiigaa ciree dura ykn booda ilaaluu keenya mirkanneeffachuu.
  • Dhiigni qorannoof ciree/nyaata booda fudhatame dhibee sukkaaraa kan agarsiisu yoo ta’e, ciree dura irra deebi’anii fudhachuun mirkanaa’uu qaba.
  • Hammi sukkaaraa walsimaa/itti fufiinsa kan qabu olka’iinsa sukkaara ta’uu qaba.

Wantoota dhibee sukkaaraa wajjin wal fakkaatan

  • Hangi sukkaara dhiiga keessaa yeroodhaaf olka’uu
  • Daa’imman bishaan ammas ammas dhuguun amala qaban
  • Mi’eessituu/qoricha sadarkaa sukkaara dabalu fudhachuu
  • Dhukkuba kalee amma amma akka fincaa’an taasisu

Wal’aansa dhibee sukkaaraa gosa tokkooffaa

  • Kaayyoon inni guddaan hamma sukkaara dhiigaa to’achuu fi miidhaa dhibee ykn yaala kanaan dhufu hir’isuudha.
  • Insuliinii sinteetikii guyyaa guyyaan lilmoodhaan bakka buusuu.
  • Sukkaara garmalee akka hin daballe ykn akka hin hir’anne of eeggadhu.
  • Wantoota mi’aawaa yeroo nyaattan of eeggadhaa
  • Sochii qaamaa fi nyaatni nyaatnu doozii insuliinii waliin wal madaaluu qaba.
  • Nyaanni guyyaa guyyaan nyaannu 50-55% anniisaa kan kennu, 30-35% coomaa fi zayita: 10-15% nyaata qaama ijaaru ta’uu akka qabu ni gorfama.

Nyaatni dhukkubsattoota sukkaaraaf gorfaman maal fa’aa?

  • Tamirii, ruuzii, kuduraalee magariisaa fi fuduraalee (avokaadoo, istiroberii, burtukaana, kaarotaa, hanqaaquu, qurxummii cooma qabu, loozii, talbaa fi kkf nyaachuu dandeessu.

Mallattoolee hir’achuu sukkaaraa dhiiga keessaa

dhibee sukkaaraa

Dhibee sukkaaraa daa’immanii

Rakkooleen dhibee sukkaaraan wal qabatan maalii?

Yoo hamma sukkaara keenya akka gaariitti hin to’anne rakkoon inni fidu baay’eedha. Sukkaarri salphaan olka’uu fi gadi bu’uun illee nama jeeqa. Akkaataa jireenyaa irratti dhiibbaa guddaa geessisu. Yoo sadarkaa sukkaara akka gaariitti hin to’anne rakkoolee kana gadii fiduu danda’a.

  1. Miidhaa ujummoo dhiigaa xixiqqoo miidhamuu:-
      • Narvii ijaa,
      • dhukkuba Kalee,
      • Miidhaa narvii naannoo qaamota qarqara jiranii (Peripheral neuropathy)

2. Ujummoo dhiigaa gurguddaa miidhamuu:

      • Miidhaa Onnee fi ujummoolee dhiigaa

3. Hammi sukkaara/ sukkaara ariitiin dabaluu waliin walqabatee:

      •  keetoonii fi asiidii qaama keessatti dabaluu cimaa fida.

4. Sukkaara dhiiga keessaa hir’achuu

5. Gogaa bakka insuliiniin itti waraaname kulkulfannaan uumamuu

6. Insuliiniin nyaataa fi sochii waliin wal simuu dhabuun hangi sukkaaraa dhiiga keessaa gadi bu’uu ni dabalatu.

Views: 7

Leave a Reply

Related Post