Daa’imman reefu dhalatan maaliif ol deebisuu?

ol deebisuu
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/dz84

Sharing is caring!

Dhukkuboonni daa’immummaa hedduun ol deebisuu fiduu waan danda’aniif, waggoota jalqabaa kana keessatti daa’imni keessan yeroo hedduu rakkoo kana akka mudachuu danda’u yaaduu qabdu. Yeroo baay’ee wal’aansa malee dafee dhaabata, garuu yeroo ol deebisutti salphisanii ilaaluun akka maatiitti ulfaachuu mala. Miira daa’imakee waan gargaaruu hin dandeenye sitti fakkaachuun yaadda’uu dandeessa. Maaltu ol deebisuu daa’immaniif sabab kan jedhu beekuuf barreeffama kana dubbisuun hubadhu. 

Advertisements

 Garaagarummaa Ol deebisuu fi bulgaafachuu daa’immanii bicuu irratti

Ol deebisuu dhugaa fi bulgaafachuu gidduu garaagarummaan ni jira. 

 Bulgaafachuu (Spitting):- 

  • Baay’inaan daa’imman waggaa tokkoo gadi ta’an irratti kan mul’atu. 
  • Yeroo bahutti haala humna hin qabnee fi daa’imman hin jeeqneen erga harma hodhanii booda suutumaan waan nyaatan deebisanii baasanidha.
  • Yaala tokko malee ofiin dhaabata
  • Daa’imman bicuun humna ol erga harma hodhanii ykn aannan dhuganii booda jiraachuu mala.

 Ol deebisuu (vomiting):

  • Umurii kam irratti iyyuu mul’achuu danda’a
  • Bifa humna qabuun yeroo waan nyaatanis tahe dhugan darbatanii baasanidha.
  • Daa’imman yeroo ol deebisanitti miira jeeqamuu keessa seenu. 
  • Ergaa wiirtuu ol deebisuu sammuu keessa jiruun dhufuun kan uumamudha
  • Yeroo ol deebisanitti maashaa qoma keessaa fi garaa fayyadamuun humnaan baasu

Sababootni ol deebisuu fi bulgaafachuu daa’imman bicuu irratti maalii? 

Sababoonni bulgaafachuu ykn ol deebisuu umurii irratti hundaa’uun garaagarummaa qaba.  

Ji’oota jalqabaa muraasa keessatti:

  • daa’imman baay’een isaanii foormulaa ykn aannan harmaa xiqqoo ni bulgaafatu, 
  • Yeroo baay’ee erga nyaatanii booda sa’aatii jalqabaa keessatti. 
  • Yoo daa’imni ol qabuun akka deeffatu taasisanii fi tapha sochii qabu nyaata boodaa xiqqeessuun akka hir’atuuf ni gargaara. 
  • Bulgaafachuun kun akkuma umuriin daa’imaa guddachaa deemeen hir’achuu danda’a, 
  • Al tokko tokko bifa salphaa taheen hanga umurii ji’a kudhanii hanga kudha lamaatti itti fufuu danda’a. 
  • Bulgaafachuun hamaa miti, ulfaatina qaamaas akka hir’atu hin taasisu.  

Ji’a jalqabaa keessatti:-

  • darbee darbee ol deebisuunis uumamuu ni danda’a. 
  • Yoo irra deddeebi’ee mul’ate ykn humna haala hin baratamneen yoo ta’e ogeessa fayyaa daa’immanii mariihachuu barbaachisa. 
  • Rakkoo nyaataa salphaa qofa ta’uu danda’a, akkasumas mallattoo waan hamaa ta’uu danda’uuf hakiima ofii waliin mariiyachuun barbaachisaadha.

Sababootni ol deebisuu walitti fufinsa qabuu maalii? 

Dhiphachuu maashaan ujummoo liqimsituu fi garaacha wal quunnamsiisu (IHPS):

  • Umurii torban lamaa hanga ji’a afur gidduutti humnaan ol deebisuun itti fufiinsaan kan uumamu yoo tahe 
  • Erga ol deebisee booda daa’imman ofumaan deebihanii harma hodhuuf kaka’u
  • Yaala fayyaa hatattamaa barbaada. 
  • Yeroo baayyee naannoo dhiphate sana banuuf baqaqsanii hodhuu barbaachisa. 

Duubatti deebi’uu asiidii garaacha keessaa (GERD):-

  • Darbee darbee bulgaafannaa torban muraasa jalqabaa hanga ji’oota jireenyaa keessatti uumama
  • Humnaan ta’uu baatus yeroo hunda mul’achuu mala. 
  • Kunis kan ta’u maashaaleen dhuma ujummoo nyaataa gara gadii garmalee laafuudhaan qabiyyeen garaachaa akka duubatti deebi’u yeroo hayyamudha. 
  • Haalli kun dhukkuba gastroesophageal reflux disease (GERD) jedhamuun beekama. 

Furmaata duubatti deebi’uu asiidii garaacha keessaa kunis kan armaan gadiiti. Isaanis:-

  • Akkaataa ajaja hakiimaan aannan fi siiriyaalota xiqqoo dabaluun furdisuu qabdu.
  • Humnaa isaa/ishee ol nyaachisuu irra hamma xiqqoo xiqqoo taheen deddeebi’anii akka nyaatan godhuu 
  • Daa’imman erga dhuganii ykn nyaatanii booda akka deeffatan gochuu qabna.
  • Daa’ima nyaachisuun booda yoo xiqqaate daqiiqaa soddomaaf bakka nageenya qabu, tasgabbii qabuu, ol qabanii teessisuun akka turan gochuu fa’a.

 Infeekshinii:-

  • Ji’oota jalqabaa jireenya isaanii booda sababni ol deebisuu baay’inaan Infeekshinii garaachaa ykn mar’immaaniiti. 
  • Vaayirasiin hanga ammaatti wantoota baay’inaan nama dhukkubsan yoo ta’u, darbee darbee garuu baakteeriyaa fi maxxantuuleen illee sababa ta’uu danda’u. 
  • Infeekshiniin kun ho’a qaamaa, garaa kaasaa, yeroo tokko tokko immoo lolloocca’uu fi dhukkubbii garaa fiduu danda’u. 
  • Infeekshiniin kun yeroo baay’ee daddarbaa dha; yoo mucaan keessan qabaate, carraan daa’imman waliin taphatan tokko tokkos qabamuu isaanii guddaadha.
  • Rootavaayirasiin daa’immanii bicuu fi daa’imman xixiqqoo irratti sababa ol deebisuu isa guddaa yoo ta’u, mallattoon isaa yeroo baay’ee garaa kaasaa fi ho’a qaamaatti guddata. 
  • Vaayirasoonni kunneen baay’ee daddarboo yoo ta’an, garuu talaalliin dhukkuba kana ittisuu danda’u argamuu isaatiin kan durii caalaa xiqqaachaa dhufeera. 
  • Gosootni vaayirasii biroo-kan akka nooroovaayiras, enterovaayirasii fi adeenoovaayiras-akkasumas fiduu danda’u.
  • Darbee darbee infeekshiniin ujummoo garaachaa ala jiru ol deebisuu ni fida. Isaan keessaa infekshinii sirna hargansuu, infekshinii ujummoo fincaanii, infeekshinii keessoo gurraa, Infeekshinii haguugduu sammuu (Meningitis) , fi Kulkulfannaa Appeendikshii kan dabalatudha. 
ol deebisuu

Ol deebisuu daa’imman reefu dhalatan irratti

Yoom hatattamaan mana yaalaa geessuu qabnaa?

Haalota kana keessaa tokko tokko yaala fayyaa hatattamaa waan barbaadaniif, daa’imni keessan umurii kam irrattil iyyuu yoo ta’e, mallattoolee rakkinaa armaan gadii dammaqinaan hordofuun ogeessa fayyaa daa’immanii mariisisuu barbaachisa. Isaanis:- 

  1. Dhiiga ykn wanta halluu magariisa tahe ol deebisuu keessatti argitan.
  2. Dhukkubbii garaa cimaa.
  3. Ol deebisuu cimaa, irra deddeebiin yoo mul’ate.
  4. Garaan dhiita’uu ykn bokokuu
  5. Daa’imni yoo fajaje ykn kan jeeqamu yoo tahe
  6. Gaggabdoo (Convulsions) 
  7. Mallattoolee bishaan qaama keessaa hir’achuu agarsiisan akka afaan goguu, imimmaan hir’achuu/dhibuu, wiirtuun buqqee mataa irraa banaa tahe gadi keessa bu’uu (depressed fontanelle), fi fincaan hir’achuu dabalatee
  8. Dhangala’aa hamma gahaa tahe dhuguu dadhabuu
  9. Sa’aatii digdamii afur ol itti fufuun ol deebisuu fa’a.

 Ol deebisuu daa’imman bicuu irratti akkamiin wal’aanuu dandeenyaa?

  • Yeroo baay’ee, wal’aansa fayyaa addaa malee ol deebisuun ofumaan ni dhaabbata. Baayyeen isaanii vaayirasiin kan dhufan yoo ta’u, ofuma isaaniitiin ni fooyya’u. Qorichoota ajaja ogeessa fayyaa malee bitaman ykn ajajaman yoo ogeessa daa’immanii keessaniin daa’ima keessaniif fi dhukkuba addaa kanaaf addatti ajajame malee gonkumaa fayyadamuu hin qabdan.
  • Yeroo daa’imni xiqqaan keessan ol deebisaa jirutti hamma danda’ametti gara cinaatti naannessuu qabna. Kana gochuun carraa wanti ol deebi’u gara ujummoo qilleensaa gubbaa fi sombaatti seenuu isaa ni xiqqeessa.
  • daa’imni keessan dhangala’aa dabalataa gahaa ta’e akka fayyadamu gochuu qabna, kunis bishaan qaama keessa akka hin hir’anneef gargaara. 
  • Nyaata daa’ima Keessanii Fooyyessuu:- Dhukkubni ol deebisuu eegalee sa’aatii digdamii afur jalqabaa ykn sanaa ol, daa’imni keessan nyaata jajjaboo irraa akka fagaattu gochuun harma akka hodhu ykn nyaata bifa dhangala’aan akka sooratan gochuu qabna. Dhangala’aa dabalataa bifa bulbulaan fudhachuu qaba. Isaan keessaa filannoon jalqabaa ORS (oral rehydration solution) kan jedhamudha. Kunis hir’ina dhangala’aa qaama keessaa hambisuu fi wantoota seeliif barbaachisan waan of keessaa qabuufi.
  • Kan irra turu yoo tahe dafanii mana yaalaa geessuun hakiima ofii mariisisuu barbaachisa!

Views: 13

Leave a Reply

Related Post