Dhukkuba Gifiraa daa’imman irratti

Dhukkuba gifiraa
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/9lw3

Sharing is caring!

Gifirri maalii?

Dhukkuba Gifiraa jechuun  infeekshinii vaayirasii Morbillivirus jedhamuun kan dhufuu fi baay’ee kan daddarbu akkasumas adda durummaan daa’imman kan miidhudha. Waa’ee dhukkuba gifiraa irratti qabxiileen ijoo tokko tokko kunooti.

Advertisements

Mallattooleen isaa dhukkuba Gifiraa maalii?

  • Qufaa
  • Furriin baayy’achuu, 
  • Ho’a qaamaa ol’aanaa, fi 
  • Ija diimachuu. 
  • Shiffee naannoo fuulaa rifeensa jalaa eegaluun gara gadii faca’u
  • Garaa kaasaa fi ol deebisuu fi kkkf ni dabalatu
Dhukkuba gifiraa

Mallattoolee dhukkuba gifiraa

Karaaleen daddarbinsa dhukkuba Gifiraa maalii?

Dhibeen kun kan Vaayiraasiin dhufuu fi qilleensaan kan daddarbudha. Innis turtii xiqqoo keessatti carraan daddarbuu isaa guddaadha. Keessumaa daa’imni talaallii hin fudhanne nama dhukkuba kanaan qabame waliin yoo wal qunnaman ni saaxilamu.

Ciminni dhukkuba Gifiraa garaagarummaa qabaa?

Dhukkubni gifiraa rakkoo fayyaa hamaa fiduu danda’a. Keessumaa daa’imman umuriin isaanii waggaa 5 gadi ta’ee fi hanqina nyaataa qaban irratti cimee mul’ata. Namoonni tokko tokko dhukkubni gifiraa akka shiffee qaamaa fi ho’a qaamaa guyyoota muraasa keessatti qulqullaa’u qofaatti kan yaadan ta’us, rakkoolee ciccimoo fiduu danda’a. U.S. keessatti namoota dhukkuba gifiraa qaban 5 keessaa gara 1 hospitaala kan seenan yoo ta’u, namoota dhukkuba gifiraa qaban 1,000 keessaa 1 hanga 3 ni du’u, kunuunsa gaarii ta’een illee ni du’u.

Rakkooleen dhukkuba gifiraa waliin wal qabatan maal fa’aa?

  1. Infeekshinii sombaa (Pneumoina).
  2. Infeekshinii ijaa (Conjuctivitis).
  3. Garaa kaasaa fi ol deebisuu.
  4. Hanqina nyaata (Malnutrition)
  5. Hanqina vaayitaaminii gosa “A”.
  6. Rakkoo sammuu yeroo gabaabaa fi dheeraati.

Dhukkuba Gifiraa akkamiin yaaluu qabnaa?

  • Akkuma mallattoo isaa argineen gara mana yaalaa geessuu.
  • Vaayitaaminii gosa “A” guyyaa jalqabaa, guyyaa 2ffaa akka fudhatan gochuu.
  • Daa’imman nagaan akka hin qabamneef qofaatti baasuu.
  • Talaallii akka argatan gochuu.
  • Nyaata madaalamaa akka argatan gochuu fa’a.

Gifira akkamiin ittisuu dandeenyaa? 

  • Talaallii akka sagantaa isaan akka fudhatan gochuu (Umurii ji’a 9 fi 15 irratti).
  • Daa’imman ykn namoota gurguddoo dhibeen kun irratti mul’ate irraa fageessuu
  • Qulqullina dhuunfaa isaanii eeguu.
  • Nyaata madaaala akka sooratan gochuun hammeenya dhibee kanaa hir’isuu.
  • Mallattoo armaan olii yoo irratti argine dafnee mana yaala geessuun agarsiisuu fa’a.

Gundunfaa

Daa’ima ofii talaalchisuun dhukkuba gifiraa hambisuu qofa osoo hin taane hammeenya isaa hir’isuuf illee faayidaa guddaa qaba. Mallattoolee gifiraa daa’imman irratti kan shakkinu yoo tahe hakiima ofii bira geessuun mariisisuun dirqama. 

 

Views: 23

Leave a Reply

Related Post