Funuuna daa’imman irratti: waan maatiin beekuu qabu

Funuuna daa’imman irratti
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/z2z6

Sharing is caring!

Funuuna jechuun yeroo dhiigni karaa funyaanii dhangala’u fi daa’imman irrattis kan mul’atudha. Maatiif sodaachisaa ta’uu danda’us, sababa, ittisaa fi yaala Funuunaa hubachuun yaaddoo salphisuu fi kunuunsa sirrii daa’imman isaaniif akka kennan kan gargaarudha. Barreeffama kana keessatti sababoota funuuna daa’immanii, akkaataa mana keessatti dhaabuu dandeenyuu, fi yoom yaala fayyaa argachuu akka qabnu isin hubachiisna.

Advertisements

Sababootni funuunaa daa’imman irratti maalii?

Funuunni daa’immanii sababa garaagaraan kan dhufu yoo tahu keessumaa kan akka qilleensa goggogaa, alarjii, utaalloo cimaa, kaanserii dhiigaa fi infeekshinii saayinasii dabalatee wantoota adda addaatiin dhufuu kan danda’udha. Dabalataanis, miidhaan funyaan irra gahuu sababa akka kufaatii ykn yeroo taphaatti miidhamus funuuna fiduu danda’a. 

Akkaataa funuuna ittisuu dandeenyu

Maatiin daa’imman isaanii irratti rakkoon funuunuu akka hin mudanneef tarkaanfii dursanii fudhachuu danda’u. Mana keessatti haala qilleensa jiidhaa tahe mijeessuu dandahu (humidifier) fayyadamuun, carraa keessoon funyaanii goguu hir’isa. 

Daa’imman funuunni mudateef waan mana keessatti taasisuu dandeenyu

  • Daa’imni tokko funuunni yeroo mudatu, maatiin tasgabbaa’anii daa’ima isaanii tasgabbeessuun barbaachisaa dha. 
  • Daa’imni qajeelee taa’ee kutaalee funyaanii lallaafaa ta’an, bakka fiixee lafee gadiitti, daqiiqaa 10-15’f suuta akka walitti qabuu qabna. 
  • Riqicha funyaanii irratti cabbii qorraa daqiiqaa 10’f qabuudhaan ujummoon dhiigaa kottoonfatu gochuun carraa dhiiguu dhaabuuf gargaara. 
  • Maatiin mataa daa’imaa duubatti garagalchuun dugdaan ciibsuu hin qabdan, kunis dhiiga akka liqimsan gochuudhaan, lolloocca’uu ykn ol deebisuu fiduu danda’a.
Funuuna

Funuuna daa’imman irratti

Yoom Xiyyeeffannoo Fayyaa barbaaduu qabnaa?

Funuunni irra caalaan isaa mana keessatti to’achuun kan danda’amu yoo ta’u, yeroon yaala fayyaa barbaachisu ni jira. Funuuna kunuunsi manaa sirrii ta’us daqiiqaa 20 ol yoo itti fufe, keessumaa yoo cimaa deeme, ykn sababa miidhaa mataa ykn fuula irratti mudateen yoo ta’e, maatiin hatattamaan gargaarsa ogeessa fayyaa barbaaduu qabu. Dabalataanis, daa’imni tokko sababa ifa ta’e malee yeroo baayyee funuunni isa ykn ishee yoo isa mudate, sababa rakkoo kanaa kamiyyuu adda baafachuuf ogeessa eegumsa fayyaa mariisisuun barbaachisaadha.

Goolaba

Xumura irratti, Funuunni daa’imman irratti kan mul’atu yoo ta’u, yeroo baay’ee miidhaa kan hin qabne ta’us, daa’immaniifi maatiiisaaniif sodaachisaa ta’uu danda’a. Sababoota, ittisaa fi kunuunsa mana keessatti sirrii ta’an hubachuudhaan, maatiin rakkoo daa’immummaa kana haala bu’a qabeessa ta’een akka yaala argatan gochuu danda’u. 

Views: 28

Leave a Reply

Related Post