Goginsa garaa daa’imman irratti

goginsa garaa daa'imman irratti
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/84qd

Sharing is caring!

Advertisements

Rakkoon goginsa garaa daa’imman irratti yeroo hedduu kan mul’atu yoo ta’u, miira namatti hin tollee fi dhukkubbii fiduu danda’a. Daa’imni tokko dhalatee guyyaa lamaan jalqabaa (sa’aatii 48) keessatti sagaraa baasuu qaba. Daa’imman hedduun dhalatanii sa’aatii 24 keessatti sagaraa ni baasu. Waa’ee goginsa garaa daa’immanii irratti qabxiilee ijoo tokko tokko kunooti.

Mallattooleen goginsa garaa daa’immanii maalii?

  • Udaan jabaataa, goggogaa, rakkisuu ykn dhukkubbii geessisu.
  • Torbanitti yeroo sadii qofa mana fincaanii deemuu.
  • Sagaraan osoo hin beekiin bahuun uffata jalaa daa’imaa keessatti argamuu.
  • Sodaa dhukkubbii irraa kan ka’e mana fincaanii deemuu irraa fagaachuu, innis amala akka miila qaxxaamursuu, hudduu tuttuquu, fuula gudunfuu fa’a kan dabalatudha.

Sababoonni goginsa garaa daa’immanii maalii?

Ittisaa fi yaala goginsa garaa daa’imman irratti

  1. Haala nyaataa isaanii fooyyessuu:- kan akka kuduraalee fi muduraalee faayiberii (fiber) baay’ee qaban nyaachisuu fi bishaan baay’ee dhuguu.
  2. Dhangala’aa gahaa akka fudhatan gochuu:- daa’imman baay’een guyyaatti gara bishaan hanga (litira 1- 1.5) isaan barbaachisa barbaachisa.
  3. Nyaata faayibara baay’ee qaban:- kan akka fuduraalee, kuduraalee, fi daabboo midhaan dheedhii irraa dalagaman.
  4. Sochii qaamaa:-  sochii qaamaa haala dhaabbataan gochuun bullaa’insa nyaataa fi sochii mar’immaaniif gargaaruu danda’a.
  5. Yeroo tokko tokko qoricha sagaraa laaffisuuf gargaaran hayyama hakiimaatiin fayyadamuun ni danda’ama.
  6. Yoo gaafa dhalatan irraa kan eegale tahee fi yaala armaan oliin fooyyee hin qabu tahe mana yaalaa geessuun rakkoo narvii mar’immaanii tahuu dhabuu isaa adda baafachuu.

Yoom xiyyeeffannoo fayyaa barbaaduu qabnaa?

  1. Goginsa garaa torban lamaa ol yoo turu ykn mallattoolee yaaddessaa biroo waliin yoo mul’ate.
  2. Yoo dhiigni karaa hudduu daa’immanii dhangala’u tahe, dhiigni sagaraa keessaa yoo jiraate, ykn yoo ol deebisuu fi garaan dhiitahuun  jiraate.
  3. Yoo jijjiiramni guddaan akkaataa sagaraa ykn bifa sagaraa irratti mul’ate.

Goolaba

Goginsi garaa daa’imman irratti sababoota garagaraan kan dhufudha. Innis haala soorataa, rakkoo narvii fi xiinsammuu daa’immaniin dhufuu danda’a. 

Views: 24

Leave a Reply

Related Post