Harma hoosisuun faayidaa maalii qabaa?

Harma hoosisuu
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/wj7z

Sharing is caring!

Advertisements

Harma hoosisuu daa’imman fi haadhaf faayidaa hedduu qaba. Faayidaawwan ijoo kan daa’imman fi haadhaaf kan qabudha.

Faayidaan harma hoosisuu daa’immaniif qabu maalii?

  1. “Barbaachisummaa soorataa”: Aannan harmaa daa’immaniif soorata gaarii ta’e kan kennu yoo ta’u, qabiyyee soorataa fi ittisa farra qaamaa kan of keessaa kan qabu, akkasumas, guddinaa fi bilchina isaaniif fayyadudha.
  2. Dhukkuboota irraa daa’imman eega”: Harma hoosisuun daa’imman dhukkuboota yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraa adda addaa irraa eeguuf gargaaruu danda’a. Daa’imman harma hodhan carraan dhukkuba Asmii, furdina garmalee, dhukkuba sukkaaraa gosa 1ffaa, du’a daa’immanii tasa (SIDS), dhukkuba infeekshinii keessoo gurraa fi garaa kaasaa irraa ittisuu gargaara.
  3. Madinummaa ykn ittis farra qaamaa qaba:- Innis infeekshinii garaagaraa ittisuuf kan fayyadudha.
  4. “Bilchina hubannoo (Cognitive development)”: Qorannoowwan tokko tokko akka jedhanitti, harma hoosisuun bilchina hubannoo daa’imaa fooyyessuu danda’a jedha.
Harma hoosisuu

Faayidaalee harma hoosisuu

Faayidaan harma hoosisuu haadholiif qabu maalii?

  1. “Fayyaa Da’umsa booda”: Harma hoosisuun carraa dhiphina da’umsa boodaa hir’isuu danda’a.
  2. “Fayyaa yeroo dheeraa”: Harma hoosisuun haadholiidhaaf faayidaa fayyaa yeroo dheeraa kan qabu yoo ta’u, carraan kaansarii harmaa, oovaarii, keessoo gadameessaa, fi uccubaa, akkasumas carraa dhiibbaa dhiigaa godhachuu, fi dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaa hir’isuu dabalata.
  3. Akka qusannaa maatiitti gargara
  4. Carraa dhiiguu dahumsa boodaa ni hir’isa
  5. Jaalalaa fi hariiroo haadhaa fi daa’ima gidduu jiru akka dabalu taasisa.

Gudunfaa

Haati tokko deessee sa’aatii tokko gidduutti harma hoosisuu eegaluu qabdi. Umurii daa’immanii hanga baatii jahaatti harmi haadhaa qofti soorata sadarkaa tokkoffaa irra jiruu fi gahaadha.

Views: 4

Leave a Reply

Related Post