Hinqirfuu daa’imman irratti

Hinqirfuu daa’imman irratti
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/w9rm

Sharing is caring!

Hinqirfuun daa’imman irratti baay’ee kan mul’atu yoo ta’u, daa’imman reefuu dhalataniifi daa’imman umuriin isaanii guddaa ta’e dabalatee ni mul’ata. Hinqirfuun kan uumamu maashaan diyaafaraam jedhamu kan kutaa qaama qomaa fi garaa adda baasu akkasumas kan hafuura baafachuuf gargaaru fedhii malee yeroo kottoonfatudha. Yeroo tokko tokko nama dhiphisuu kan danda’u ta’us, hinqirfuun yeroo baay’ee miidhaa kan hin qabnee fi ofuma isaatiin kan dhiisudha. Hinqirfuu daa’imman irratti ilaalchisee wantootni beekuu qabdan maxxansa kana keessaa ni argattu.

Advertisements

Sababoota Hinqirfuu Daa’immanii

  1. Yeroo nyaata nyaatani ykn boo’an qilleensa liqimsuun: Kunis diyaafaraamii akka jeeqamu gochuu fi hinqirfuu fiduu danda’a.
  2. Daa’imman garmalee nyaachisuun ykn daddafanii akka nyaatan gochuun: Nyaata baay’ee nyaachisuun ykn saffisaan akka nyaatan ykn dhugan gochuun hinqirfuu kakaasuu danda’a.
  3. Jijjiirama ho’a qaamaa tasa: Qilleensa qorraa ykn dhugaatii qabbanaawaaf saaxilamuun daa’imman tokko tokko irratti hinqirfuu fiduu danda’a.
  4. Miira namaa kakaasu ykn wantoota miira namaa kakaasan: Miirri cimaan ykn xiiqiin diyaafaraamii kakaasuun hinqirfuu fiduu danda’a.
Hinqirfuu daa’imman irratti

Hinqirfuu daa’imman irratti

Akkaataa daa’imman hinqirfuun mudate gargaaruu dandeenyu

  • Obsaa fi tasgabbii: Yeroo baay’ee hinqirfuun daa’immanii ofumaan ni bada. Obsa qabaachuu fi hinqirfuun ofumaan akka baduuf eeguun barbaachisaa dha.
  • Daa’imman erga nyaata nyaatanii tkn harma hodhanii booda akka deeffatan gochuu: qilleensa liqimfame kamiyyuu kan hinqirfuu fiduu danda’u irraa bilisa ta’uuf gargaaruuf akka deeffatan gochuun barbaachisaadha.
  • Yaada namaa kan jeeqan akka dagatan gochuu: Daa’imman sochii bashannansiisaa itti agarsiisuu ykn xiyyeeffannaa isaanii gara biraa irra akka taasisan gochuun yeroo tokko tokko hinqirfuun dhaabuuf gargaaruu danda’a.
  • Bishaan suuta ykn xiqqeessanii suuta akka dhugan taasisuu: Daa’imman umuriin isaanii guddaa ta’eef bishaan xiqqeessanii akka dhugan gochuun yeroo tokko tokko hinqirfuu salphisuu danda’a.
  • Shaakala hafuura baafannaa: Daa’imman suuta jedhanii hafuura gadi fagoo akka fudhatan jajjabeessuun ykn sekondii muraasaaf hafuura isaa qabachuun hinqirfuu dhaabuuf gargaaruu danda’a.

Yoom gorsa Fayyaa barbaaduu qabnaa?

Hinqirfuu daa’imman irratti yeroo baay’ee miidhaa kan hin qabnee fi ofuma isaaniitiin kan dhaabatudha. Haa ta’u malee, daa’imman hinqirfuu walitti fufiinsa ykn irra deddeebi’ee yoo mudate, ykn hinqirfuun mallattoolee yaaddessaa biroo kan akka hafuura baafachuu dadhabuu,ol deebisuu, ykn miira gaarii dhabuu cimaa waliin yoo walqabate, qorannoo dabalataaf ogeessa eegumsa fayyaa mariisisuun gaariidha.

Waayee “Sababoota ol deebisuu daa’immanii reefu dhalatanii” asiin dubbisi.

 

Views: 34

Leave a Reply

Related Post