Little Life Docs: Science-Based Child Health Child Health,Common Illnesses,Healthcare Access,Nutrition and Diet Hir’ina dhiigaa hir’ina aayiraanii Daa’imman irratti maaltu fidaa?

Hir’ina dhiigaa hir’ina aayiraanii Daa’imman irratti maaltu fidaa?

Aayiraanii
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/tcpy

Sharing is caring!

Hir’ina dhiigaa jechuun maalii?

Hir’inni dhiigaa daa’immanii jechuun yoo seeliin dhiiga diimaa ykn himoogilobiinii hanga sirrii tahuu qabuu gadi ta’e qabaatu jechuudha. Hir’ina dhiigaa hanqina aayiraanii daa’imman irratti mul’atu yoo ta’u, guddinaa fi bilchina isaanii irratti dhiibbaa guddaa qabaachuu danda’a. Qorannoon akka agarsiisutti daa’imman yeroo dheeraaf hir’ina aayiraanii qaban guddinaa fi bilchina sammuu isaanii gara fuula duraa irratti dhiibbaa hamaa qabaata. Waa’ee hir’ina dhiigaa hanqina aayiraanii daa’imman irratti qabxiileen ijoo tokko tokko kunooti. 

Advertisements

Sababootni hir’ina dhiigaa aayiraanii maal fa’aa?

Hanqinni aayiraanii kun yeroo baay’ee daa’imman umuriin isaanii waggaa tokkoo gadi ta’ee, sababoota armaan gadiin dhufuu danda’a. Isaanis:- 

Wantoota hanqina aayiraaniif daa’imman saaxilan maalii?

  1. Yeroo malee dhalachuu.
  2. Haati yeroo ulfaa hanqina aayiraanii yoo qabaatte.
  3. Nyaata aayiraanii gahaa qabu sirnaan soorachuu dhabuu.
  4. Nyaata qabiyyee aayiraanii gahaa hin qabne akka sooratan gochuu fi 
  5. foormulaa aayiraanii gahaa hin qabne fayyadamuu fa’a.
  6. Aannan sa’aa umurii daa’imaa waggaa tokko dura kennuu.

Mallattoowwan hanqina aayiraanii maalii?

Daa’imman hanqina aayiraanii qaban yeroo baay’ee mallattoo osoo hin agarsiisiin turuun yeroo baay’ee qorannoo dhiigaatiin fi rakkoo fayyaa biroo yeroo godhatanitti adda baafamu. Hanqinni aayiraanii cimaa yoo ta’e mallattoolee armaan gadii ni qabaatu.

  • Yeroo baay’eeni jeeqamu; dammaqiinsaa fi miira dadhabbii; 
  • Fedhii nyaataa dhabuu fi 
  • Gogaan isaanii addaachuu (pale) (yeroo baay’ee fuulaa fi barruu harkaa irratti mul’ata).

Daa’imman irratti hanqina aayiraanii mallattoo hin mul’isne qaban akkamitti adda baasuu danda’amaa?

  • Keessattuu daa’imman umuriin isaanii waggaa lamaa gadi ta’eef ogeeyyiin fayyaa daa’immanii rakkoolee walqabatan armaan olitti ibsaman fi haala soorataa akka gaariitti qoratu.
  • Rakkoon hanqina aairaaniin walqabatu yoo jiraate qorannoon dhiigaa ni taasifama.
  • Daa’imman umuriin isaanii ji’a 9 hanga waggaa 1 gidduu jiran hundi qorannoo dhiigaa akka godhan ni gorfama.

Hanqina dhiigaa aayiraanii akkamitti ittisuu dandeenyaa?

  1. Ji’oota jahan jalqabaa harma hoosisuu.
  2. Daa’imman yeroo malee dhalataniif aayiraanii dabalataa kennuu (copha aayiraanii ykn shirooppii). .
  3. Yoo danda’ame waggaa tokko jalqabaaf aannan sa’aa jalqabuu dhiisuu.
  4. Daa’imman ji’a jahaaf nyaata yeroo jalqabnu, nyaata vaayitaamin “C” fi foon daakame jalqabuun barbaachisaadha.
  5. Kana malees, nyaata aayiraaniin badhaadhe, kan akka foon diimaa, Kalee, Tiruu, midhaan dheedhii akks baaqelaa, ataraa, fi kuduraalee magariisaa akka sooratan gochuu.
  6. Dhibee hir’ina dhiigaa sababii hir’ina aayiraaniitiin dhufu erga wal’aansa eegalanii booda yeroo dheeraaf jechuunis ji’a 2-3 akka fudhatan qabna.

 

Views: 28

Leave a Reply

Related Post