Hubannoo dhukkuba Onnee Daa’immanii irratti: waan maatiin beekuu qabu

dhukkuba Onnee daa'immanii
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/i7eb

Sharing is caring!

Seensa

Akka maatiitti daa’imman keenya eeguu fi fayyaa isaanii mirkaneessuuf carraaqna. Yeroo baayyee dhukkuba onnee namoota ga’eessotaa wajjin kan wal qabsiifnu ta’us, daa’immanis haalawwan kanaan miidhamuu akka danda’an beekuun murteessaadha. Wantoota dhibee Onneef daa’imman saaxilan hubachuu fi tarkaanfiiwwan dursanii fudhachuun fayyaa fi gammachuu daa’imman keenya irratti jijjiirama guddaa fiduu danda’a. Barreeffama kana keessatti, waa’ee dhukkuba onnee daa’immanii, sababa isaanii, mallattoolee, fi tarkaanfiiwwan ittisaa maatii biratti hubannoo uumuuf kaayyeffanna.

Advertisements

Hubannoo dhukkuba Onnee Daa’immanii irratti

Dhukkubni Onnee daa’immanii haalawwan adda addaa caasaa fi hojii onnee irratti dhiibbaa geessisan of keessatti hammata. Haalli kunniin yeroo dhalatan (congenital heart defects) ykn yeroo daa’immummaa booda sababoota adda addaatiin kan uumaman ta’uu danda’u. Dhukkuboonni onnee daa’imman irratti mul’atan tokko tokko:

  1. Mudaa Onnee Dhalootaan Mudatu: Kunis rakkoo caasaa onnee keessatti yeroo guddina daa’imaa gadameessa keessattii uumamuudha. Golee onnee, hulaa Onnee keessaa ykn ujummoo dhiigaa gurguddoo irratti dhiibbaa uumuu danda’u.
  2. Rakkoo dhahannaa Onneen wal qabatu (Arrhythmia): Sirni onnee sirnaan hin sochoone hojii dhahannaa onnee idilee jeequu danda’a, kunis dhiigni gara qaamolee garagaraatti akka seeraan hin geenye taasisa.
  3. Dhibee maashaa Onnee (Cardiomyopathy): Haalli kun maashaa onnee dadhabsiisa, onneen dhiiga bu’a qabeessa ta’een akka hin daddabarsine gochuun rakkisaa ta’a.
  4. Dhukkuba Kawaasaakii: Dhukkuba kulkulfannaa adda durummaan daa’imman umuriin isaanii waggaa shan gadi ta’e kan miidhu yoo ta’u, ujummoo dhiigaa, hidda dhiiga maashaa onnee keessaa dabalatee kulkulfannaa fida.
dhukkuba Onnee daa'immanii

Dhukkuba Onnee daa’immanii

Mallattoolee dhukkuba onnee daa’immanii adda baafachuu

Mallattoolee dhukkuba onnee daa’immanii adda baasuun dafanii adda baasuu fi hatattamaan yaala sirrii akka argataniif murteessaadha. Mallattoon dhukkubaa haala addaa irratti hundaa’uun garaagarummaa qabaachuu kan danda’u ta’us, mallattoowwan beekamoo ta’an tokko tokko kanneen armaan gadiiti:

  • Hafuura baafachuuf rakkachuu ykn saffisaan hafuura baafachuu
  • Dadhabbii 
  • Fedhii nyaataa gaarii dhabuu ykn nyaata nyaachuu irratti rakkachuu
  • Hidhii, quba ykn gogaa irratti bifa gurraachahuutti jijjiiramuu
  • Dha’annaa onnee saffisaan ykn miirri dha’annaa onnee dabaluu
  • Dhukkubbii qomaa ykn miira gaarii dhabuu
  • Miila, naannoo koronyoo, ykn garaan dhiita’uu
  • Harma yeroo hodhanitti garmalee dafquu
  • Harma yeroo hodhanitti hafuura cituun afaan isaanii keessaa gidduun baasuu fa’a.

Dhukkuboonni onnee daa’imman tokko tokko mallattoo ifa ta’een mul’achuu dhiisuu danda’u, kunis yeroo hunda sakatta’amuu fi qorannoon barbaachisaa ta’uu isaa hubachuun barbaachisaadha.

Tarkaanfiiwwan Ittisaa barbaachisaa tahan

Dhukkuboonni onnee daa’imman irratti mul’atan hundi ittifamuu kan hin dandeenye ta’us, tarkaanfiiwwan maatiin wantoota dhibee onneef daa’imman saaxilan kana hir’isuu fi onnee fayyaa qabu akka qabaatan gochuu danda’an jiru. Isaanis:

  1. Yeroo yerootti qorannoo fi sakatta’insa taasisuu: daa’imni keessan yeroo yerootti ogeessa daa’immanii biratti qorannoo fi sakatta’insa akka argatu mirkaneessaa. Daawwannaan kun dhimmoota onnee ta’uu danda’an kamiyyuu dafanii adda baasuuf kan dandeessisudha.
  2. Haala jireenya mijataa uumuu: Nyaata soorata adda addaan badhaadhe kan akka fuduraalee, kuduraalee fi midhaan dheedhii akka nyaatan gochuu. Nyaata akka dhugaatii sukkaara qabuu fi soogidda garmalee kennuu irraa of qusachuu. Sochii qaamaa yeroo yerootti taasisuu fa’a.
  3. Aara Tamboof Saaxilamuu irraa of eeguu: Daa’imni keessan tamboof saaxilamuu irraa fageessaa, sababiin isaas carraa dhukkuba onneetiin qabamuu waan dabaluuf.
  4. Talaallii: Daa’ima keessan dhukkuboota onnee miidhuu danda’an kanneen akka infuleenzaa fi infeekshinii baakteeriyaa tokko tokko irraa eeguuf sagantaa talaallii gorfame hordofuun akka fudhatan gochuu.
  5. Hordoffii taasisuu: Daa’imni keessan dhukkuba Onnee qabaachuun kan addaa baafameeru yoo tahe akkaataa ajaja hakiimaan hordoffii taasisuu fi qoricha kenname seeraan fudhachuun carraa cimina dhukkuba Onnee xiqqeessa.

Goolaba

Daa’imman irratti waa’ee dhukkuba onnee hubannoo uumuun maatiin fayyaa daa’imman isaanii mirkaneessuuf murteessaadha. Wantoota dhibee Onneef daa’imman saaxilan hubachuudhaan, mallattoolee dhukkubichaa adda baasuudhaan, tarkaanfiiwwan ittisaa fudhachuudhaan, dhiibbaa dhukkubni onnee daa’imman keenya irratti geessisu hirʼisuu dandeenya. Yeroo yerootti akka sakatta’aman gochuun, jireenya fayya qabeessa ta’ee fi dafanii yaala akka ragatan gochuudhaan daa’ima onnee fayyaa qabu guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Daa’imman keenyaaf hubannoo uumuu fi egeree fayya qabeessa ta’e mirkaneessuuf hakiima keenya waliin harka wal qabannee haa hojjennu.

Views: 20

Leave a Reply

Related Post