Hubannoo dhukkubbii garaa daa’imman irratti: qajeelfama maatiin beekuu qabu

Dhukkubbii garaa
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/f1ni

Sharing is caring!

Seensa

Dhukkubbiin garaa daa’imman irratti yeroo baay’ee kan mul’atu yoo ta’u, akka maatiitti daa’imman keenyi miira gaarii dhabuu isaanii yeroo arginu nama dhiphisuu danda’a. Dhukkubbiin garaa daa’immanii irra caalaan isaa hamaa ta’uu baatus, sababoota ta’uu danda’anii fi yoom yaala fayyaa argachuu akka qaban beekuun barbaachisaadha. Maxxansa kana keessatti, waa’ee dhukkubbii garaa daa’immanii, sababoota isaa fi tarkaanfiiwwan qorannoo yaalaa yoom akka barbaachisu murteessuuf fudhataman irratti hubannoo uumuuf kan kaayyeffatedha.

Advertisements

Sababoota dhukkubbii garaa daa’imman irratti

Sababootni dhukkubbii garaa hedduu tahanis kan baay’inaan mul’atan kanneen armaan gadiiti. Isaanis:

    1. Dhimma bullaa’insa nyaataan wal qabatee: Dhukkubbiin garaa daa’immanii hedduun dhimmoota bullaa’insa nyaataa kanneen akka goginsa garaa, gaazii hedduummachuu, ykn bullaa’insa nyaataa gaarii hin taane wajjin wal qabata. Haalawwan kun yeroo baay’ee nyaata jijjiiruu, dhangala’aa hedduu kennuu fi qoricha ajaja ogeessa fayyaan bituudhaan akkaataa qajeelfama ogeessa eegumsa fayyaatiin yaaluun ni danda’ama.
    2. Alaarjii Nyaataa fi mar’imman dandamachuu dadhabuu: Nyaatni tokko tokko alarjii ykn mar’immaan dandamachuu dhabuun daa’imman irratti dhukkubbii garaa fiduu danda’a. Nyaatni kana waliin wal qabatanis kan akka aannan sa’aa, hanqaaquu, qurxummii, loozii, akkasumas  kuduraalee ykn muduraalee tokko tokko ni argamu. Nyaata alarjii kakaasan kanneen adda baasuu fi irraa fagaachuun mallattoolee dhukkuba kanaa salphisuuf gargaaruu danda’a.
    3. Infeekshinii:  Innis infeekshinii garaacha fi mar’imman irratti kulkulfannaa yeroo fidudha. Yeroo baayyee mallattoolee akka garaa kaasaa, ol deebisuu, fi dhukkubbii garaa wajjin kan wal qabatudha. Boqonnaa, bishaan gahaa dhuguu fi nyaata madaalamaa akka sooratan gochuu akkasumas yaala barbaachisu argachuuf mana yaalaa geessuun barbaachisaadha.
    4. Infeekshinii Ujummoo fincaanii (UTIs): UTIn daa’imman irratti mul’achuu kan danda’uu fi dhukkubbii garaa fiduu danda’udha. Mallattoolee akka amma amma finca’uu, miira dhukkubbii yeroo fincaa’an ykn miira gubaatii, fi ho’a qaamaa, jeeqamuu, qaama saalaa harkisuu fi kkf ni dabalata. Rakkooleen infeekshinii ujummoo fincaaniin wal qabatan akka hin uumamneef qorannoo fi yaala akka qoricha farra baakteeriyaa akka argatan taasisuun barbaachisaadha.
    5. Cuufamuu mar’immaanii, kulkulfannaa appendiksii, madaa’uu garaachaa fi kkk 
    6. Maxxantuu mar’immannii: keessattuu daa’imman waggaa lamaa olii fi sochii naannoo keessaa yeroo eegalanitti carraan maxxantuu kanaaf saaxilamuu ni jira. 
    7. Faalama nyaataa
Dhukkubbii garaa

Dhukkubbii garaa daa’imman irratti

Yoom Xiyyeeffannoo fayyaa barbaaduu qabnaa?

Dhukkubbiin garaa daa’immanii irra caalaan isaa hamaaf kan hin kenninee fi ofuma isaaniitiin kan furamu yoo ta’u, qorannoon yaalaa barbaachisaa ta’e ni jira. Yaala fayyaa barbaaduu kan qabnu kanneen armaan gadii yoo jiraatanidha. Isaanis:

  1. Dhukkubbiin kun cimaa fi kan itti fufu yoo ta’e, ykn daa’imni keessan sababa dhukkubbii kanaan sochii guyyaa guyyaa idilee raawwachuu yoo dadhabe.
  2. Dhukkubbiin kun mallattoolee yaaddessaa biroo kanneen akka ho’a qaamaa, ol deebisuu, dhiiga sagaraa keessaa ykn fincaan keessaa, ykn ulfaatina qaamaa haala hin eegamneen yoo hir’ise.
  3. Dhukkubbiin kun akka tasaa yoo eegalee fi garaa keessaa naannoo murtaa’e tokkotti kan argamu yoo ta’u, keessumaa yoo gama mirgaa gara gadii yoo ta’ee fi yeroo tuqnu dhukkuubbiin kan dhagahamu yoo tahe.
  4. Daa’immni keessan rakkoo fayyaa duraan beekameeru yoo qabaate ykn qoricha fudhachaa yoo jiraate carraa rakkooleen biroo mudachuu waan dabaluuf dafnee mana yaalaa geessuu barbaachisa.
  5. Maatiin yaaddoo waa’ee daa’ima isaanii yoo qabaatan fa’a.

Goolaba

Dhukkubbiin garaa daa’immanii maatiif yaaddoo ta’uu danda’a, garuu dhimmoonni baay’een isaanii hamaa akka hin taanee fi kunuunsa barbaachisaa ta’een mana keessatti to’achuun akka danda’amu yaadachuun barbaachisaadha. Haa ta’u malee wantoota sarara diimaa tahan hubachuu fi yoom yaala fayyaa argachuu akka qabdan beekuun murteessaadha. Sababoota dhukkubbii garaa daa’immanii beekamoo ta’an hubachuu fi yoom ogeessa eegumsa fayyaa mariisisuu akka qabnu beekuudhaan, nageenyummaa fi  miira tolaa daa’imman keenyaa mirkaneessuu dandeenya. Dhukkubbii garaa haala bu’a qabeessa ta’een yaaluuf daa’imman keessan waliin ifatti qunnamtii gochuun fi kunuunsa fayyaa irratti mala of eeggannoo gochuun furtuudha.

Views: 25

Leave a Reply

Related Post