Infeekshinii fangasii afaan keessaa daa’imman bicuu maalii?

Infeekshinii fangasii
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/r21x

Sharing is caring!

Advertisements

Infeekshiniin fangasii afaan keessaa daa’imman bicuu irratti baay’ee kan mul’atudha. Afaan daa’imaa keessaa fi naannoo isaa irratti adii aannan fakkaatuu afaan keessaa fi arraba irratti maxxanee mul’atudha. Yeroo baayyee dhukkubni kuni hamaa kan hin taanee fi yeroo tokko tokko osoo maatiin hin argiin ofumaan baduu danda’a.

Fangasiin dhibee infeekshinii afaan keessaa fidu maal jedhamaa?

Dhukkubni kun fangasii Candida albicans jedhamuun irraa dhufudha. Namoota 2 keessaa 1 fangasii waliin mallattoo cimaa hin agarsiisiin kan jiraatan yoo ta’u, yeroo tokko tokko dafee saffisaan mallattoo cimaa mul’isuu kan danda’udha.

Daa’imman bicuun infeekshinii fangasii afaan keessaaf maaltu saaxilaa?

Mallattooleen dhukkuba infeekshinii afaan keessaa maalii?

  • Bifa adii, xiqqoo ol ka’e, yeroo baay’ee arraba, laagaa keessaa, foon ilkaanii/diddii iraa, toonsilii ykn qoonqoo gara duubaa irratti
  • Tuqaa olka’aa kan firii Jirbii fakkaatu
  • Roga afaanii irratti madaa’uu fi diimaachuu (angular cheilitis)
  • Miirri dhamdhammii baduu
  • Yeroo harma hodhanitti irra deddeebbiin baasuu
  • Yeroo tokko tokko ol deebisuu fi lolloocca’uu daa’immanii
  • Dhukkubbii afaan keessaan wal qabatee yeroo hodhanitti gidduun baasanii boohuu fa’a.

Dhukkubni infeekshinii fangasii afaan keessaa akkamiin daddarbaa?

  1. Meeshaalee taphaa afaan keessa kaahuudhaan
  2. Fiixee harma haadhaa infeekshinii kanaan qabameeruu hodhuun
  3. Xuuxoo qulqullina hin qabne fangasiin kuni yoo maxxanee jiraate.
  4. Qaama saalaa haadhaa infeekshinii kanaan qabameeru yeroo daa’umsaa daa’immanitti akka darbu ni taasisa.

Infeekshinii fangasii afaan keessaa akkamiin yaaluu dandeenyaa?

Infeekshinii fangasii

Infeekshinii fangasii keessoo afaan daa’immanii

Infeekshinii fangasii afaan keessaa akkamiin hambisuu dandeenyaa?

  1. Qulqullina afaanii (afaan) fi dhuunfaa sadarkaa olaanaa eeguun tamsa’ina dhukkuba kanaa ittisuuf karaa gaarii dha.
  2. Yoo daa’imni keessan ilkaan qabaate, kun guyyaatti al lama buruushiin dhiqachuu fi gara ogeessa ilkaan geessuun qorannoo fi wal’aansa argachuu dabalata.
  3. Meeshaalee afaan daa’ima keessanii wajjin wal qunnaman, kanneen akka meeshaalee taphaa, fi xuuxxoo dabalatee, sirriitti qulquulleessuun barbaachisaa dha.
  4. Daa’imni keessan akka deebi’ee hin qabamneef hoosisuun duraa fi erga hoosistee booda harma akka gaariitti qulqulleessuu barbaachisa.
  5. Ji’oota jalqabaa jahan harma haadhaa qofa akka hodhan gochuun dandeettii qaamni isaanii infeekshinii of irraa ittisuu jabeessuuf gargaara.
  6. Qorichoota garaagaraa ajaja hakiimaa malee kennuu dhiisuu fi qajeelfama isaa hordofuu barbaachisa.

Views: 30

Leave a Reply

Related Post