Jiyaardiyaa daa’imman irratti

Jiyaardiyaa
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/k3pq

Sharing is caring!

Advertisements

Jiyaardiyaa jechuun maxxantuu infeekshinii mar’immanii daa’immanis tahe namoota gurguddoo irratti mul’achuu dandahudha. Innis biyyee, nyaata ykn bishaan maxxantuu kanaan faalame keessatti argamuu danda’udha. Waa’ee Jiyaardiyaa daa’imman irratti waan beekuu qabdan barreeffama kana keessatti argattu.

Daa’imman irratti hangam mul’achuu dandahaa?

  • Infeekshiniin iyaardiyaa daa’imman umuriin isaanii waggaa 5 gadi ta’e irratti baay’inaan kan mul’atu yoo ta’u, carraan isaan maxxantuu Jiyaardiyaan qabaachuu isaanii namoota ga’eessota caalaa guddaadha. Haa ta’u malee maatiin guutuun maxxantuu kanaan qabamuun waan hin baratamne miti, miseensonni maatii tokko tokko garaa kaasaa, dhukkubbiin garaa ykn mallattoo tokkollee hin mul’anne qabaachuu dandahu.
Jiyaardiyaa

Jiyaardiyaa daa’imman irratti

Mallattoolee infeekshinii maxxantuu Jiyaardiyaa

  • Garaa Kaasaa 
  • Garaa ciniinnaa
  • Lolloocca’uu, fi garaa kaasaa kan akka bishaanii yeroo baay’ee dhufuu danda’a. 
  • Mallattoowwan biroo baay’ee hin mul’anne kan akka ho’a qaamaa, gogaan hooqsisuu ta’uu danda’u. 

Yeroo turtii booda maxxantuun jiyaardiyaa sababa ulfaatina qaamaa hir’achuu fi  hanqina soorata barbaachisoo kanneen akka cooma, vaayitaaminii A, fi vaayitaaminii B12 akka hin xuuxamne gufachiisuu danda’a.

Akkaataa daddarbinsa jiyaardiyaa

  • Infeekshiniin jiyaardiyaa yeroo baayyee bishaan faalame kan akka tasaa bishaan boollaa, haroo ykn sulula irraa dhuguun kan daddarbudha. 
  • Nyaata ykn namootaan wal tuttuquunis daddarbuu danda’a.

Rakkoolee maxxantuu jiyaardiyaan wal qabatan

  1. Garaa kaasaa
  2. Hanqina nyaataa
  3. Hanqina dhiigaa Aayiraaniin dhufu
  4. Guddina daa’immanii duubatti harkisuu fa’a.

Yaala maxxantuu jiyaardiyaa

  1. Yoo daa’imni keessan dhukkuba jiyaardiyaa qaba jettanii shakkan, hakiima keessan qunnamuun barbaachisaadha. 
  2. Ogeessi fayyaa maxxantuun jiyaardiyaan jiraachuu isaa ilaaluuf saamuda sagaraa gaafachuu danda’a. 
  3. Dhukkubni kun torban 2 hanga 6 turuu kan danda’u yoo ta’u, qorichi infeekshinii qulqulleessuuf ajajama. 
  4. Daa’imni qoricha ajajame hunda fudhachuun murteessaadha, yoo miira gaarii itti dhaga’amuu jalqabellee, infeekshinichi akka itti hin deebineef fudhachuu qabu.

Akkaataa ittisa maxxantuu jiyaardiyaa

  • Ittisni infeekshinii maxxantuu jiyaardiyaa hundarra barbaachisaadha. 
  • Nyaata sirnaan dhiqamuu fi bilcheessuun isaa mirkaneessuun barbaachisaa dha. 
  • Akkasumas qulqullina gaarii shaakaluun barbaachisaa dha; isaanis kan akka erga daayipparii jijjiiranii booda ykn mana fincaanii fayyadamtanii booda harka bishaanii fi saamunaadhaan dhiqachuu.

Views: 15

Leave a Reply

Related Post