Kunuunsa daa’imman reefu dhalataniif

Kunuunsa daa'immanii
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/g7i2

Sharing is caring!

Advertisements

Daa’imman reefuu dhalatan kunuunsuun muuxannoo gammachiisaa fi yeroo tokko tokko baay’ee namatti ulfaatu ta’uu danda’a. Maxxansa kana keessatti kunuunsa daa’imman reefuu dhalataniif godhamuu qabu ilaalchisee qabxiiwwan ijoo ilaalla.

Kunuunsa daa’imman reefu dhalataniif godhamuu qabu

  • Kunuunsa bu’uuraa barbaachisoo tahan: Daa’imman reefuu dhalatan kamiyyuu kunuunsa barbaachisaa ta’e argachuuf mirga qabu, kunis miidhaa fi infeekshinii irraa eeguu, hargansuu nageenya qabu, ho’a qaamaa, fi nyaata sirnaan kennuu dabalata. Kunuunsi kun erga dhalatanii booda guyyoota jalqabaa muraasa keessatti murteessaa waan ta’eef dhaabbilee eegumsa fayyaa keessattis ta’e mana keessatti barbaachisaadha.
  • Qulqullinaa fi Nageenya daa’immanii: Yeroo daa’imman reefuu dhalatan kunuunsinu qulqullina gaarii eeguun barbaachisaa dha. Carraa dhukkuba garagaraan qabamuu hir’isuuf daa’ima qabuun dura harka dhiqachuu ykn qulqulleessituu harkaa fayyadamuu. Namni daa’ima kana qabu kamiyyuu harka qulqulluu akka qabaatu gochuu. Dabalataanis, meeshaalee xixiqqoo fi carraa ukkaamfamuu akka hin dhaqqabne gochuun daa’imaaf naannoo nageenya qabu uumuun murteessaadha.
  • Nyaata kennuu: Daa’imman reefuu dhalatan fedhii nyaataa addaa qabu. Aannan harma haadhaa daa’immaniif madda soorataa hundarra gaarii ta’ee kan gorfamu yoo ta’u, guddinaa fi bilchina isaaniif soorata barbaachisoo fi ittisa farra qaamaa ni kenna. Yoo harma hoosisuun hin danda’amne, foormulaa daa’immanii akka filannootti fayyadamuun ni danda’ama. Qajeelfama nyaachisuuf gorfame hordofuu fi gorsa dhuunfaa argachuuf ogeessa eegumsa fayyaa mariisisuun barbaachisaa dha.
  • Kunuunsa Gogaa: Daa’imman reefuu dhalatan gogaa laafaa kunuunsa suutaan kennamu barbaadudha. Keemikaalii Vernix caseosa jedhamu, kan gogaa irratti ittistuu ta’e, erga daa’imni dhalatanii booda yoo xiqqaate sa’aatii jahaaf gogaa daa’immanii irra akka turu gochuun ni gorfama. Kunis qabiyyee lippiidii baay’ee waan qabuuf gogaan miidhaa bishaanii irraa eeguuf gargaara. Qaamni dhiquun sa’aatii 24 booda tahuu qaba. Isaa booda torbanitti hanga guyyaa sadii qaama isaanii dhiquu dandeenya. Akkasumas dhibata gogaaf barbaachisuu dibuu dandeenya. Torban lammaffaa irraa eegalee ifa aduutti baasuu qabna. 
  • Akkaataa hargansuu daa’immanii hordofuu: Hojii sirna hargansuu daa’imaa hordofuun kunuunsa daa’imman reefuu dhalatan keessatti dursa kennuu qabna. Ogeeyyiin fayyaa dhiphina sirna hargansuu hordofuuf ulaagaalee adda addaa kan akka sochii garaa, sochii maashaa ribuu qomaa gidduu jiran, fi sochii gogaa naannoon qaawwa funyaanii fayyadamu.
Kunuunsa daa'immanii

Kunuunsa daa’imman reefu dhalataniif godhamu

  • Gorsa dabalataa maatiif kennamu: Waa’ee kunuunsa daa’imman reefuu dhalatan ilaalchisee gaaffii fi yaaddoo qabaachuun waanuma jiruudha, keessumaa maatii yeroo jalqabaaf daa’ima godhataniif. Ogeessota eegumsa fayyaa, kan akka narsootaa fi ogeeyyii fayyaa daa’immanii irraa gargaarsaa fi qajeelfama gaafachuu irraa duubatti hin jedhinaa. Deeggarsa kennuu, gaaffii keessaniif deebii kennuu fi tooftaalee sirrii kunuunsa daa’imman reefuu dhalatan agarsiisuu danda’u.
  • Rakkoo fayyaa irratti: Daa’imman reefuu dhalatan sirni ittisa qaamaa isaanii bilchaachaa kan jiran yoo ta’u, infeekshiniif caalaatti saaxilamu. Of eeggannoo gochuu fi namoota dhuunfaa dhukkubsatanitti saaxiluu irraa fagaachuun barbaachisaa dha. Mallattoolee dhukkubaa daa’ima keessan irratti yoo mul’atan kan akka amala hin baratamne, harma hodhuu hir’isuu ykn diduu, ijii fi gogaan keelloo tahuu, aaduu, gaggabdoo, daddafanii harganuun, akkasumas ho’i qaamaa yoo olka’e, ogeessa fayyaa qunnamuu barbaachisa.

Goolaba kunuunsa daa’imman reefu dhalataniif gochamu irratti

Tokkoon tokkoon daa’imaa garaagarummaa akka qaban beekuu barbaachisa. Gorsaa fi qajeelfama dhuunfaa kunuunsa daa’imman reefuu dhalatan ilaalchisee ogeessota eegumsa fayyaa mariisisuun barbaachisaa dha. Fedhii fi haala dhuunfaa daa’ima keessanii irratti hundaa’uun yaada addaa kennuu danda’u.

Views: 49

Leave a Reply

Related Post