Sababootni banaa tahee uumamuu wiirtuu dugdaa maalii?

Wiirtuu dugdaa
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/8wjk

Sharing is caring!

Banaa tahee uumamuu wiirtuu dugdaa

Daa’imman reefu dhalatan tokko tokko irratti dugda isaanii irratti dhiitaa’ee akkasumas hangi buqqee mataa isaanii garmalee xiqqaa ta’ee uumamuu danda’a. Kunis Banaa tahee uumamuu wiirtuu dugdaa (Neural Tube Defect) jedhama.

Advertisements

Rakkoon kun kan uumamu yeroo rakkoon uumamuu yeroo wiirtuun dugdaa fi haguuggii sammuu kutaa gubbaa irraa kaasee hanga kutaa gadii lafee dugdaatti banaa tahee uumamudha. Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti waggaa waggaan daa’imman hanga kuma 300 ta’an irratti du’aa fi miidhaan qaamaa kan fiduudha. Qorannoowwan muraasni biyya keenyatti gaggeeffaman hammeenya rakkoo kanaa agarsiisaniiru.

Yuunivarsiitiin Maqalee Qorannoo bara 2016-2017 gaggeesseen, daa’imman naannoo Tigraayitti hospitaalota keessatti dhalatan kuma 10 keessaa daa’imman 131 (131/10,000) wiirtuun dugdaa banaa tahee uumame qabatanii akka dhalatan ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun qorannoo Yuunivarsiitii Finfinneetti gaggeeffameen daa’imman 10,000 Hospitaalota Finfinneetti dhalatan 10,000 keessaa 126 (126/10,000) wiirtuu dugdaa banaa tahee uumameeru akka qaban argameera. Daa’imman wiirtuu dugdaa banaa tahee uumameeru qaban dhibee haayidirooseefaaalesii, rakkoo sochii miilaa fi rakkoo qaamaa keessoo qabaachuu danda’a.

Wantoota banaa tahee uumamuu wiirtuu dugdaa saaxilan maalii?

  • Hanqina foolik asiidii:
  • Sababoonni muraasni haati kanaan dura rakkina wal fakkaatu deessee daa’ima rakkoo wal fakkaatuun miidhame deessuuf carraan ishee guddaa ta’uu isaati.

Rakkooleen banaa tahee uumamuu wiirtuu dugdaan wal qabatan maalii?

Daa’imman mudaa niwuroonii tuubii qaban yaaluun baasii guddaa gaafata. Kana malees, tumsa ogeessota hedduu kan barbaadu fi qormaata kan qabu yoo ta’u, bu’aan wal’aansaa yeroo baay’ee gaarii miti. Kanaafuu, fudhannaa foolikii asiidii haadha ulfaa sirreessuudhaan ittisa irratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha. Dubartoonni umuriin isaanii da’umsaaf ga’e nyaata foolik asiidiitiin badhaadhe baay’ee nyaachuu qabu.

Maddi soorataa foolik asiidii maalii?

Nyaatni foolikii asiidiin badhaadhe kuduraalee, fuduraalee fi oomishaalee beeyladaa kan dabalatudha.

  • Paappaaya, avokaadoo, burtukaana
  • Hundee diimaa, raafuu
  • Baqalaa, atara
  • Hanqaaquu fi foon Tiruu foolik asiidii baay’ee qabu.

Akkaataan banaa tahee uumamuu wiirtuu dugdaa ittisnu maalii?

  1. Haati ulfa ta’uuf yaadde tokko ulfaa dura marii gochuun baatii tokko guyyaa ulfaa dursuun fi guyyaa ulfoofte irraa jalqabee ji’a 3f qoricha fooliik asiidii fudhachuu qabdi. Keessattuu haati kanaan dura mucaa rakkoo walfakkaataa qabu deesse doosiin ol’aanaa fudhachuu qabdi.
  2. Rakkoon kun hammam hamaa ta’us sadarkaa hawaasaa fi biyyaatti wiirtuu dugdaa banaa tahee uumameeru fi faayidaa foolik asiidii irratti hubannoo uumuuf wanti guddaan hojjetame hin jiru. Kunis lakkoofsi namoota rakkoo kanaan miidhaman guyyaa hunda caalaa akka mul’atu taasiseera. Kanaafuu, waa’ee faayidaa  foolik asiidii fi banaa tahee uumamuu wiirtuu dugdaa irratti sadarkaa hawaasaatti beekumsa babal’isuun baay’ee barbaachisaadha.

Views: 14

Leave a Reply

Related Post