Sababootni dhibee Kalee yeroo dheeraa maalii?

Dhibee Kalee
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/ym0j

Sharing is caring!

Advertisements

Dhibee Kalee yeroo dheeraa (CKD) daa’imman irratti mul’atu sababoota adda addaa wajjin kan walqabatudha. Isaanis kan akka uumamaan wal qabatan fi erga dhalatanii booda kan itti dhufu dabalateeti.

Wantootni dhibee kalee daa’imman saaxilan maalii?

  1. Jeneetiksii fi Feenootaayipii:  rakkoon jeneetiksii fi feenootaayipii dhukkuba Kaleedhaan qabamuuf saaxiluu danda’a. Wantoonni akka sanyii, saala, umrii fi seenaa maatii barbaachisummaa olaanaa qabu. Fakkeenyaaf, hidda dhaloota Afriikaa-Ameerikaa ta’uun, umriin dulloomuu, ulfaatina dhalootaa gadi aanaa ta’ee fi seenaa maatiin dhukkuba Kalee qabaachuun dhibee kalee yeroo dheeraaf sababa cimaa ta’ee fudhatama.
  2. Rakkoo fayyaa biroo: Rakkoon fayyaa biroo kanneen akka dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, Kulkulfannaa kutaa kalee (Glomerulonephritis) , fi dhukkuba Kalee  pooliisiiyiistik (polycystic kidney disease) daa’imman irratti carraa dhibee kalee yeroo dheeraan qabamuu akka dabalu beekamaadha.
  3. Jijjiirama Jeneetikii Addaa: Jiiniiwwan dhalootaan jijjiiraman kan akka jiinii APOL1 saba tokko tokko kan akka warra Gurraacha, Afriikaa Ameerikaa, Afroo-Kaaribiyaan, ykn Laatiin/Laatinoo ta’an keessatti carraa dhukkuba Kalee dabaluu danda’a.
  4. Haala Jireenyaa: Wantoonni haala jireenyaa kanneen akka tamboo xuuxuu, furdina garmalee, fi dhugaatii baay’ee dhuguun carraa dhukkuba kalee yeroo dheeraa daa’imman irratti qabamuuf gumaachuu danda’u.
  5. Rakkoo narvii banaa tahee uumamuu wiirtuu dugdaa: Inni yeroo hedduu ujummoon fincaanii fi afuuffeen hojii isaanii seeraan akka hin dalagne gochuudhaan dhibee kalee yeroo dheeraaf daa’imman saaxilu. Kana malee infeekshinii ujummoo fincaanii irra deddeebbiin dhufuuf sababa guddaa tahuun dhibee kalee yeroo dheeraaf saaxilu.
  6. Sababoota biroo: Wantoonni biroo dhibee kalee yeroo dheeraa daa’imman irratti dhufuuf sababa ta’an kanneen biroo ujummoon fincaanii yeroo dheeraaf cufamuu, Infeekshinii ujummoo fincaanii irra deddeebbiin dhufu, kaansarii tokko tokko, fi sababoonni hin beekamne (idiopathic) kan dabalatudha.

Mallattoolee dhibee Kalee yeroo dheeraa maalii?

  • Dhiita’uu: Daa’imman dhukkuba Kalee qaban dhiita’uu miilaa, harka, ykn fuulaa ni qabu.
  • Jijjiirama fincaanii: Dhukkubni Kalee akkuma hammaachaa deemuun daa’imman fincaan baay’achuu ykn hir’achuu danda’a. 
  • Dhiibbaan Dhiigaa dabaluu: Mallattoolee dhiibbaan dhiigaa dabaluu kan akka mataa dhukkubbii, garaa dhukkubbii, rakkoo agartuu ijaa, fi funuunuu daa’imman irratti mul’achuu danda’a .
  • Ol deebisuu, lolloocca’uu, fi fedhii nyaataa dhabuu.
  • Agarsiistota dhibee kalee biroo: Naannoo ijaa fi fuulaatti dhiita’uu, keessattuu ganama ganama irra caalaa kan mul’atudha.
Dhibee Kalee

Dhibee Kalee yeroo dheeraa daa’immanii

Dhibee Kalee yeroo dheeraa akkamiin hanbisuu dandeenyaa?

  1. Talaallii akka fudhatan gochuu: Talaalliin dhukkuboota infeekshiniin dhufuu danda’an ittisuu keessatti gahee murteessaa qaba. Daa’imman dhukkuba Kalee yeroo dheeraa (CKD) ykn gosoota dhukkuba Kalee murtaa’an qaban talaallii pneumococcal polysaccharide vaccine (PPSV23)” kan infeekshinii baakteeriyaa tokko tokko ittisuu danda’u argachuuf ulaagaa guutuu danda’u.
  2. Akkaataa Jireenya fooyyessuu: Daa’imman nyaata madaalamaa, sochii qaamaa yeroo yerootti taasisuu, hirriba gahaan jireenya fayya qabeessa akka fudhatan gochuun, fayyaa waliigalaaf gumaachuu fi carraa dhukkuba Kalee hir’isuu danda’a.
  3. Yeroo Yerootti qorannoo Kalee taasisuu: Yeroo yeroon qorannoo fi hordoffiin fayyaa kalee daa’immanii dafanii adda baasuu fi to’achuuf gargaaruu danda’a. Kunis qorannoo fincaanii, qorannoo dhiigaa fi qorannoo suuraa dhimmoota Kalee irratti mudachuu danda’an kamiyyuu adda baasuu dabalata.
  4. Yaala rakkoo fayyaa dhibee Kalee fidanii akka argatan gochuu: Daa’imman haalawwan akka dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, ykn dhukkuba ofirraa ittisuu danda’an qabaniif, rakkoo Kalee ittisuuf haalawwan kana sirnaan yaaluu fi to’achuun barbaachisaa dha.
  5. Qoricha kennaman seeraan fudhachuu: Daa’imman qoricha ajajamee fi sirna wal’aansaa akka hordofan mirkaneessuun, keessumaa haalawwan fayyaa Kalee irratti dhiibbaa uumuu danda’aniif, Cimina dhukkuba Kalee ittisuu keessatti murteessaadha.
  6. Bishaan gahaa akka dhugan gochuu.

Goolaba

Tarkaanfiiwwan ittisaa Dhibee kalee hojiirra oolchuudhaan maatii fi kunuunsitoonni carraa dhukkuba Kalee yeroo dheeraa daa’immanii haalaan hir’isuun fayyaa fi nageenya waliigalaa isaanii guddisuu danda’u.

Views: 22

Leave a Reply

Related Post