Sababootni dhiibbaa dhiigaa dabalan maalii?

Dhiibaa dhiigaa
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/oqh9

Sharing is caring!

Dabaluu dhiibbaa dhiigaa daa’immanii

Sababoonni dabaluu dhiibbaa dhiigaa daa’immanii sababoota adda addaatiin kan walqabatan ta’uu danda’u.

Advertisements

Dhiibbaa dhiigaa daa’immanii maaltu akka dabalu taasisaa?

  1. Rakkoo Fayyaa turan: Dhiibbaan dhiigaa daa’imman xixiqqoo yeroo baay’ee haalawwan fayyaa biroo kan akka mudaa Onnee, dhukkuba Kalee, haala jeneetiksii, ykn rakkoo hormoonii wajjin wal qabata. Gama biraatiin daa’imman umuriin isaanii guddaa ta’e, keessumaa kanneen furdina garmalee qaban, dhiibbaa dhiigaa gosa 1ffaa qabaachuu kan danda’an yoo ta’u, kunis sababa rakkoo fayyaa osoo hin qabaatiinis kan dhiibbaa dhiigaa kan dabalanidha.
  2. Sababa haala jireenyaa: Ulfaatina qaamaa garmalee, soorata gaarii dhabuu, fi sochii qaamaa gochuu dhabuun dhiibbaa dhiigaa daa’immanii akka olka’uuf gumaachan baay’eedha. Qorannoon akka agarsiisutti saffisi furdina garmalee daa’immanii saffisa dhiibbaa dhiigaa daa’immanii wajjin walitti dhufeenya guddaa kan qabu yoo ta’u, daa’imman furdina garmalee qaban keessaa tilmaamaan 20% dhiibbaan dhiigaa isaan mudata.
  3. Dhibee Kalee: Dhukkubni Kalee daa’imman irratti dhiibbaa dhiigaa olka’aa fiduuf sababa guddaadha. Innis dhibee kalee yeroo dheeraa fi dhibee kalee yeroo gabaabaa waliin wal qabachuu danda’a. Daa’imman dhiibbaa dhiigaa qabaachuun isaanii adda baafame qorannoo dhiigaa fi fincaanii akkasumas Altiraasaawundii Kalee fi ujummoo fincaanii, Qorannooo  Onnee waliin gochuun barbaachisaa dha.
  4. Sababoota biroo: Yeroo tokko tokko dhiibbaan dhiigaa daa’immanii dhimmoota akka ujummoolee dhiigaa gara Kaleetti geessu dhiphachuu, mudaa Onnee dhalootaan dhufu kan akka “coarctation of the aorta”, ykn ujummoo adreenaalii baay’ee hin mul’anne irraa kan ka’e ta’uu danda’a. Dhiibbaan dhiigaa dhimma biraatiin yeroo dhufu dhiibbaa dhiigaa gosa lammaffaa jedhamee waama.
Dhiibaa dhiigaa

Dhiibbaa dhiigaa daa’imman irratti

Dabaluu dhiibbaa dhiigaa akkamiin ittisuu dandeenyaa?

  1. Fayyaa Onnee ofii eeguu: Daa’imman jireenya fayya qabeessa Onnee akka hordofan jajjabeessuun dhiibbaa dhiigaa ittisuuf murteessaadha. Kunis nyaata cooma xiqqaa, kuduraa fi muduraa soodiyemii xiqqaa qabansoorachuu, sochii qaamaa yeroo yerootti gochuu fi tamboo xuuxuu irraa fagaachuu dabalata. Ulfaatina qaamaa fayya qabeessa ta’e qabaachuunis akka qaama Onnee fayyaa qabeessa qabaniif gargaara.
  2. Hordoffii yeroo yerootti taasisuu: Safartuu dhiibbaa dhiigaa waggaa waggaan waggaa sadii irraa eegalee taasisuu akka qaban qajeelfamni Akkaadaamii Daa’immanii Ameerikaa (AAP) ni ibsa. Innis dhiibbaa dhiigaa daa’immanii dafanii adda baasuu fi to’achuuf gargaaruu danda’a. Keessattuu daa’imman sababoota dhiibbaa dhiigaa dabalan kan akka furdina garmalee qabaniif barbaachisaa dha
  3. Rakkoo fayyaa qaban yaalamuu qabu: Dhiibbaan dhiigaa haala biraatiin kan dhufu, kan akka furdina garmalee ykn rakkoolee yaalaa biroof, haala sirriin akka yaalamn gochuundhiibbaa dhiigaa daa’immanii to’achuu ykn ittisuu keessatti murteessaadha.

Goolaba

Tarkaanfiiwwan ittisaa dabalinsa dhiibbaa dhiigaa hojiirra oolchuudhaan maatii fi kunuunsitoonni carraa dhiibbaa dhiigaa daa’immanii hir’isuu fi fayyaa waliigalaa Onnee fi ujummoolee dhiigaa isaanii guddisuu keessatti gahee guddaa taphachuu danda’u.

 

Views: 15

Leave a Reply

Related Post

Talaalii

Talaalliin maalii?Talaalliin maalii?

Talaalliin kunuunsa ittisaa fayyaa daa’immaniif kennaman keessaa isa murteessaadha.  Talaalliin daa’immaniif faayidaa akka ittisa dhukkuboota ciccimoo ykn dhukkuba lubbuu namaa balaa irra buusuu danda’an irraa eeguuf, tatamsa’ina infeekshinii ittisuuf, akkasumas