Sababootni hir’ina dhiigaa daa’imman irratti maalii?

Hir'ina dhiigaa
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/cilq

Sharing is caring!

Hir’ina dhiigaa daa’imman irratti

Hir’ina dhiigaa jechuun yeroo lakkoofsi seelii dhiiga diimaa hir’atu jechuudha. Keessumaa yeroo hammi himoogilobiinii / heemaatokiriit laaboraatoorii keessatti safaramu kan daa’imman umuriin isaanii wal fakkaatu irraa gadi ta’edha. Hir’inni dhiigaa mallattoo dhukkubaa daa’imman irratti baay’inaan mul’atudha.

Advertisements

Gosoota hir’ina dhiigaa daa’imman irratti

  1. Hir’ina dhiigaa hir’ina aayiraanii
  2. Hir’inni dhiigaa seelonni dhiigaa saffisaan du’uutiin dhufu
  3. Hir’ina dhiigaa dhalootaan dhufu: Bocaafi qabiyyee seelii dhiiga diimaa kan uumaamaan irra adda tahe
  4. Oomishni seelii dhiiga diimaa hir’achuu

Sababootni hir’inni dhiigaa daa’imman irratti maalii?

  1. Daa’imman guddina ariifataa waan qabaniif hanqinni wal madaalu ni jira
  2. Aayiraaniin haati yeroo ulfaa kuufattu ji’a 4-6 booda hir’achuu isaa.
  3. Nyaata daa’imman mana keessatti nyaatan keessatti aayiraanii gahaa ta’e fudhachuu dhabuu.
  4. Nyaata dabalataa osoo hubannoo gahaa hin qabaatin jalqabuu
  5. Daa’imman akkuma guddachaa deemuun fedhiin qaamni isaanii aayiraanii baay’achaa deema
  6. Xuuxamuu aayiraanii uumamaa qaama isaanii keessatti xiqqaa ta’e.

Hir’inni dhiigaa dhukkuba of danda’e osoo hin taane mallattoodha. Sababni isaa  umurii irratti hundaa’uun adda adda ta’uun isaa cimsinee hubachuu qabna. Mallattoon dhukkuba kanaa akka cimina dhukkubichaatti garaagarummaa qaba. Bu’uuraan, hammi aayiraanii lafee, Tiruu fi maashaalee keessatti argamu mallattoo agarsiisuu jalqabuuf torban hedduu fudhata. Kana jechuun hanga qaamni keenya kuufama aayiraanii isaa dhumutti ji’oota 2-3f mallattoon mul’achuu dhiisuu danda’a. Kanarraa kan ka’e qorannoo dhiigaa yoo hin goone hakiimni salphaatti waan beekuuf fi warri shakkuun carraa isaa xiqqaadha. Kanaafuu, dogoggora akkasii hambisuuf keessumaa daa’imman dhukkuba kanaaf saaxilamaniif hanga waggaa lamaa garaagarummaa ji’a 3-6tti qorannoon dhiigaa godhamuun hangi hemoogiloobinii beekamuu qaba.Gama biraatiin daa’imman sababoota hir’ina dhiigaaf saaxilan qaban osoo hir’ina dhiigaa hamaa hin fidin hordofuudhaan adda baasuu fi yaaluun ni danda’ama. Wantoonni balaa hir’ina dhiigaaf saaxilan akka armaan gadiitti tarreeffamaniiru. Sababoota ijoo hir’ina dhiigaa daa’immanii kanneen armaan gadiiti:-

  • Oomisha seelii dhiiga diimaa hir’isuu
  • Seelonni dhiiga diimaa dafanii du’u
  • Dhiigni dhangala’uu

Sababoota hir’ina dhiigaa umurii irratti hundaa’uudhaan:-

  1. Daa’imman reefu dhalatan irratti:-
    • Dhiigni qaama saalaa irraa dhangala’uu
    • Da’umsa dura dhiigni gadameessaa
    • Gosti dhiigaa haadha fi daa’ima/haadha gidduutti wal hin simne 
        • Haati gosa dhiigaa O yoo ta’u, gosti dhiigaa daa’imaa A ykn B dha
    • Daa’ima yeroo malee dhalate
    • Daa’imman lakkuu ta’an sababa rakkoo ujummoo dhiigaatiin daa’ima gadameessa keessa jiru tokko irraa gara daa’ima biraatti dhiiga arjoomuu
    • Jijjiirama uumamaa bocaafi guddina dhiigaa
  1. Umurii hanga umurii waggaa lamaatti wantoota daa’imman saaxilan:
  1. Daa’imman waggaa lamaa ol ta’an irratti sababoota/sababoota hir’ina dhiigaa
    • Dhiigni akka tasaa dhangala’uu
    • Hanqina nyaataa/hanqina aayiraanii
    • Dhukkubbii qaama keessaa yeroo dheeraa
    • Kaansarii dhiigaa, dhukkuba maayilooyidii
    •  Maxxantuuwwan/jarmoota mar’immanii dhiiga xuuxan.

Mallattooleen hir’ina dhiigaa daa’immanii maalii?

Mallattoon isaa cimina hir’ina dhiigaa irratti hundaa’uun garaagarummaa kan qabu yoo ta’u, isaanis kanneen armaan gaditti tarreeffamanidha.

  • Miira dadhabbiin itti dhagahamu
  • Dafqa
  • Qaamni addaachuu fi ulfaatinni hir’achuu
  • Fedhiin nyaataa hir’achuu
  • Dha’annaa onnee saffisaa
  • Daddafanii hafuura baafachuu
  • Hir’ina dhiigaa cimaa keessatti dhiita’uun qaamaa jiraachuu danda’a.
  • Miira jeeqamuu
  • Hirriba hir’achuu/rafuu dhabuu
  • Mataa dhukkubbii fi lafaan maruu

Hir’ina dhiigaa daa’imman irratti akkamiin yaaluu dandeenyaa?

Wal’aansi sababa isaa irratti hundaa’uun garaagarummaa qaba.

  1. Yoo garmalee gadi bu’e dhiiga dabarsuudhaan (blood transfusion) ni sirreeffama. 
  2. Sababni hir’ina dhiigaa hanqina aayiraanii ykn hanqina foolikii asiidii yoo ta’e aayiraanii bakka bu’u barbaachisaa ta’e kennuudhaan sirreeffama. 
  3. Wantoonni/dhukkuboonni saaxilan yaalamuu/dhaabbachuu qabu.

Hir’ina dhiigaa ittisuuf maal gochuu qabnaa? 

  1. Daa’imman osoo yeroon hin gahiin dhalatanii fi kan hir’ina dhiigaaf saaxilaman qorannoo dhiigaa taasisuu, akkasumas aayiranii bifa shiirooppiin qophaahe kennuudha.
  2. Daa’imman umurii baatii/ji’a 4-6 jiraniif qorannoo dhiigaa gochuudhaan akka hir’ina dhiigaa qaban adda baasuu fi kan qaban yoo tahe yaaluudha.
  3. Nyaata dabalataa yeroo jalqabamu aayiraanii fi albuuda kana fakkaatan akka badhaadhu gochuu
  4. Daa’imman waggaa tokko gadi tahaniif aannan sa’aa kennuu dhiisuu. 
  5. Daa’imman umuriin isaanii waggaa lamaa ol ta’e miila qullaa akka hin deemne ittisuu fi qoricha farra jarmootaa/raammoo garaagarummaa ji’a 3-6tti kennuu.
  6. Naannoo daa’imman itti guddatan balaa irraa bilisa taasisuu.

Views: 58

1 thought on “Sababootni hir’ina dhiigaa daa’imman irratti maalii?”

Leave a Reply

Related Post