Sababootni keelloo tahuu ijaa fi gogaa daa’imman reefu dhalatanii maalii?

keelloo
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/e9l6

Sharing is caring!

Advertisements

Daa’imman reefu dhalatan sababii garaagaraan ija fi gogaa isaanii bifa keelloo tahuu mala. Innis yeroo keemikaalli qaamaa isaanii keessaa kan Biliiruubiinii jedhamu gargaarsa Tiruun pirootinii albumiinii jedhamuun erga walitti dhufanii booda bobbaa waliin bahuun dhabanidha. Yeroo hedduu yeroo keemikaalli kuni dhiiga keessaa yogguu  7 mg/dl ol tahuu, halluun keelloo ija fi gogaa irratti mul’achuu eegala. Keessattu daa’imman yeroon hin gahiin dhalatan hedduun dhibee kanaan miidhamu.

Biliiruubiiniin dhiiga daa’immanii keessatti akka dabaluuf sababootni maalii?

  • Miidhamuu Tiruun.
  • Infeekshinii garagaraa kan akka Vaayiraasii Tiruu gosa B, C
  • Infeekshinii qaamaa keessaa faca’aniin (Sepsis)
  • Sababii addaa addummaa gosa dhiigaa fi antiijinii daa’immanii fi haadhaan
    • Haati Rh-ve fi daa’imni Rh+ve yoo tahan
    • Haati Gosa dhiigaa O fi daa’imni gosa dhiigaa A ykn B yoo taate
  •  Nyaatni daa’immanii gahaa tahuu dhabuu
  • Dhangala’aan qaamaa isaanii keessaa yoo hir’atu (Ol deebisuun, garaa kaasaan ykn immoo harmi haadhaa gahaa tahuu dhabuun)
  • Da’umsaan wal qabatee qaamni daa’imaa miidhamuun yoo dhiigni kuufame
  • Dhiigni diimaa qaamaa keessaa yoo baay’ate
  • Kana malees rakkoolee genetiksiin wal qabataniin kan dhufan fa’a.

Mallattooleen keelloo tahuu ija daa’imman reefu dhalatanii maalii? 

keelloo

Keelloo tahuu ija daa’imman reefu dhalatanii

Rakkooleen dhibee kanaan wal qabatan maalii?

Rakkooleen dhibee kanaan wal qabatan kan rakkoo yeroo gabaabaa (Acute)fi rakkoo yeroo dheeraatti qoodamu.

Rakkoo yeroo gabaabaa:- (Acute bilirubin encephalopathy):

  • Keemikaalli biliiruubiinii jedhamu kuni gara sammuutti faca’uun rakkoo biraaf saaxila
  • Hubamuu sirna hargansuu
  • Du’aaf saaxilamu
  • Harma hodhuu dadhabuu
  • Hir’ina guluukoosii qaamaa keessaa hir’isuu
  • Yaalamuu yoo dhabe gara rakkoo yeroo dheeraatti jijjiiramu

Rakkoo yeroo dheeraa:- Chronic bilirubin encephalopathy (Kernicterus)

  • Dalagaa maashaalee ni huba
  • Guddina fi bilchina sammuu ni huba
  • Dandeetti yaaduu ni huba
  • Dandeettii dhagahuu ni huba
  • Gaggabdoof saaxilamu

Iji daa’imman reefu dhalatanii yoo keelloo tahe maal gochuu qabnaa?

  1. Akkuma mallattoo kana argineen dafnee manaa geessuun qorachiisuu qabna. Kuni dhawwaatuma tureen rakkoo caaluuf saaxilaa waan deemuuf qorannoo tursiisuun gaarii miti.
  2. Harma haadhaa qajeelloon hoosisuu
  3. Hordoffi ulfaa karaa sirriin taasisuun gosa dhiigaa fi antiiginii beekuun waan godhamuu qabu raawwachuu.
  4. Garaagarumman gosa dhiigaa fi antiijinii yoo jiraate da’umsa booda hanga keemikaala Biliiruubiinii dhiigaa daa’imaa keessaa jiru qorachiisuu.
  5. Daa’umsaan wal qabatee dhiigni kuufame yoo jiraate hakiima bira deemuun hordoffii taasisuu
  6. Qulqullina daa’imaa eeguu akkas infeekshiniif hin saaxilamne gochuu
  7. Yaala kennamuu qabu irratti seeraan hordofuun rakkoo yeroo gabaabaa fi dheeraaf akka hin saaxilamne gochuu fa’a.

Views: 8

Leave a Reply

Related Post