Sababootni rakkoo “Cerebral palsy” maalii?

Cerebral palsy
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/5uqm

Sharing is caring!

“Cerebral palsy” jechuun maalii?

“Cerebral palsy(CP) jechuun gurmuu rakkoolee adda addaa tahee dandeettii socho’uu, madaallii fi dhaabbii qaama namaa eeguu irratti dhiibbaa geessisudha. Innis dhibee rakkoo maashaa waliin wal qaban kan daa’immummaa irratti baay’inaan mul’atudha. Innis rakkoo kutaa sammuu sochii fi dalagaa maashaalee to’atan irratti rakkoon adda addaa uumamuun dhufudha. 

Advertisements

Sababoota “Cerebral palsy(CP)

Dhibeen kun kan dhufu guddina sammuu haala hin baramneen ykn sammuu guddachaa jiru irratti miidhaan dandeettii daa’imni maashaalee isaa to’achuu irratti dhiibbaa geessisudha. Sababoonni guddina ykn miidhaa hin baramne kanaaf sababa ta’uu danda’an hedduudha. Isaanis sababa dahumsa duraa, yeroo dahumsaa fi dahumsa boodaa jedhamuun qoodamu. Walumaa galatti sababootni dhibee kanaa keessaa muraasni kanneen armaan gadiiti. Isaanis:-

  • Rakkoo jeneetiksii (Gene mutation):- jeequmsa jeneetiksii guddina sammuu irratti dhiibbaa fidu.
  • Infeekshinii haadhaa daa’ima gadameessa keessatti guddachaa jiru miidhu
  • Dhiiguu ykn dhiigni hanqachuu  kutaa sammuu daa’imaa gadameessa haadhaa keessatti guddachaa jiru (fetal stroke).
  • Gadameessa keessatti ykn akka daa’ima reefuu dhalateetti kutaa  sammuu keessatti dhiiguu
  • Infeekshinii daa’immanii sammuu keessaa ykn haguugduu sammuu keessatti kulkulfannaa (Inflammation) fidan
  • Miidhaa/balaa mataa daa’ima irratti miidhaa guddaa geessisu, kan akka balaa konkolaataa, kufaatii ykn miidhaa qaamaa qabinsa badaa irraan kan ka’e
  • Hanqinni oksijiinii sammuutti argamuun yeroo ciniinsuu ykn da’umsa rakkisaa ta’een kan walqabatu fa’a.

Mallattooleen “cerebral palsy” maalii?

Mallattoowwan ijoo dhibee kanaa (cerebral palsy) rakkoo sochii qaamaa, qindoominaa fi guddinaati. Dabalataan immoo kanneen armaan gadii ni qabaatu. Isaanis:-

  • Haalli guddina isaanii duubatti harkifachuu
  • Qaamni isaanii akka fedhetti diriirfachuu fi kottoonfachuu ajajamuu diduu (stiff)
  • Harkii ykn miilli isaanii laafuun sochii qaamaa hir’isuu 
  • sochii harkaa fi miilaa ajaja isaanii malee akka hoollachuu fi qindoomina hin qabne.
  • sochii qaamaa tasaa, to’annaa ala ta’e
  • maashaaleen bubbutamuu (spasm)
  • harka akka hoollachuu tahuu (tremor) .
  • Yeroo deeman miila gara fiixeen ejjechuu filachuu fa’a.
Cerebral palsy

Cerebral palsy

Rakkooleen “celebral palsy’n” wal qabatan maalii?

Rakkoolee sochii qaamaa maashaaleen wal qabatu dabalatee kanneen armaan gadii rakkoolee dhibee “cerebral palsy” wal qabatanidha. Isaanis:- 

Yaalaa fi gargaarsa daa’imman dhibee “cerebral palsy” qabaniif taasifamuu qaban 

Yeroo ammaa kana qorichi dhukkuba sammuu (cerebral palsy) hin jiru, garuu yaaliin namoonni dhibee kana qaban hanga danda’ametti sochii fi of danda’ee akka hojjetan gargaaran ni jiru.

  • Fiiziyooteraapiin:- sochii qaamaa eeguu fi fooyyessuuf gargaaru kan of keessaa qabudha. Wal’aansa dhukkuba sammuu (cerebral palsy) barbaachisoo ta’an keessaa isa tokkodha. Kaayyoon gurguddoon fiiziyooteraapii:
    • sochii qaamaa jajjabeessuu fi akka fooyya’uuf gargaara
    • Jabinaa fi cimina maashaalee fooyyessuu
    • Hanga dandeettii sochii fi diriirfachuu maashaalee fooyyeessuudha
  • Wal’aansa dubbii fi afaanii (speech and language therapy): Ogeessi fayyaa dubbii fi afaanii shaakala dubbii shaakaluudhaaf gargaaru kennuu danda’a, ykn mala walqunnamtii filannoo kan akka afaan mallattoo ykn fakkii fayyadamuu barsiisuu danda’a.
  • Occupational therapy:.Sochiiwwan walxaxaa taʼan kan akka mana fincaanii deemuu ykn uffata uffachuu of keessaa qaban hojjechuuf karaa hundarra gaarii taʼe gorsuu dandaʼu. Innis daa’imni keessan ofitti amanamummaa fi of danda’uu isaa guddisuu keessatti baay’ee faayidaa qabaachuu danda’a.
  • Rakkoolee dhibee kanaan wal qabatan akka gaggabdoo fi kanneen biroo yaaluu barbaachisa.
  • Danda’anii akka taa’anii fi morma isaanii akka danda’anii ol qabataniif kan gargaaran kan akka “sitting aid fi collar neck” argachuu qabu.
  • Akkaataa ofiin nyaachuu danda’an barsiisuu fi gargaarsa gochuu barbaachisa.
  • Yeroo yerootti gorora isaaniin akka hin fe’amneef of eeggannoo gochuufii qabna
  • Qorichoota rakkoo maashaaleef gargaarsa kennan tokko tokko yeroo ajajaman waan jiraniif hakiima ofii waliin mariiyachuu qabna. 
  • Walumaa galatti maatiin gargaarsa barbaachisu gochuu fi hordoffii barbaachisu taasisuun haala jireenya daa’ima isaanii hanga tahe fooyyessuu keessatti qooda jabaa bahachuu barbaachisa.

Views: 34

Leave a Reply

Related Post