Sababootni Utaalloo daa’imman irratti maalii?

Utaalloo daa'imman irratti
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/4f8w

Sharing is caring!

Utaalloon daa’imman irratti baay’inaan mul’atan keessaa isa tokko. Waggaa waggaan dhukkuba kamiyyuu caalaa ogeeyyii fayyaa bira akka geessinu kan dirqisiisuu fi mana barumsaa irraa akka hafaniif sababa kan tahedha. Utaalloo daa’immanii irrattti qabatamni jiru muraasni kunooti:-

Advertisements
  •  Daa’imman baay’een isaanii waggaatti yoo xiqqaate yeroo 6 hanga 8 utaalloon qabamuu danda’u. 
  • Umurii waggaa 6 booda carraan utaalloon qabamuu hir’achaa deema. 
  • Daa’imman yeroo Arfaasaa fi gannaa carraan utaalloon qabamuun isaanii guddaadha.

Sababootni utaalloo Daa’imman irratti maalii? 

Utaalloon kan uumamu yeroo vaayirasiin tokko ujummoo funyaanii fi qoonqoo akka kulkulfatu (inflame) godhudha. Innis vaayirasii adda addaa 200 ol ta’aniin dhufuu danda’a. Garuu irra caalaan isaa vaayiraasii “raayinoovaayirasii” jedhamuun kan dhufudha. Vaayiraasonni kunis qilleensa keessaanii fi tuttuqqiin kan daa’imman irraa daa’immanitti darbanidha. Vaayirasiin meeshaalee akka meeshaa taphaa daa’ima utaalloon qabame tuqeen akka daddarbuu danda’an beekuun barbaachisaadha. 

Daa’imman dhibee utaalloof saaxilamoo ta’an kam fa’aa?

Daa’imman hundinuu dhibee utaalloon qabamuuf saaxilamoodha. Namoota ga’eessota caalaa carraan utaalloon qabamuu isaanii guddaadha. Sababoonni maaliif akka ta’an muraasni kunooti:

  1. Dandeettiin qaamni isaanii of irraa ittisuu gadi bu’aa waan taheef
  2. Yeroo arfaasaa fi gannaatti daa’imman mana keessaa fi naannoo jarmii baay’ee ta’an waan uumamaniif 
  3. Mana barumsaa ykn bakka kunuunsa daa’imaa sababii wal tuttuqqiin baay’atuuf.
  4. Tuttuqqii harkaan afaan, funyaan fi ija daa’imman irratti hedduu waan mul’atuuf

Mallattoolee dhibee utaalloo daa’imman irratti maalii?

Mallattoon dhibee utaalloo erga daa’imni keessan vaayirasii utaalloo waliin wal qunnamee guyyaa 1 hanga 3 keessatti mul’achuu jalqaba. Mallattooleen kunis yeroo baayyee gara torban 1 turu. Al takka takka hanga torban 2 turuu danda’u. Mallattooleen utaalloo umurii daa’imaa irratti hundaa’uun adda adda tahuu mala. 

  1.     Daa’imman reefu dhalatanii ji’oota muraasaa irratti:- 
    • Yeroo hirribaa jeeqamuu
    •  Miira gaarii dhabuu fi boohuu baayyisuu
    • Furrii baayyachuu fi ulaa funyaanii cufuu
    • Yeroo tokko tokko garaa kaasaa fi ol deebisuu
    • Qaama gubaa fa’a 
  1.   Daa’imman umuriin isaanii ol siqeeru irratti:-
    • Qaawwa funyaanii keessa kulkulfachuu fi miira cufamuu 
    • Iji immimmaaniin guutamuu
    •  Haxxiffannaa
    • Qufaa salphaa
    •  Dhukkubbii qoonqoo
    • Dhukkubbii maashaalee fi lafee
    • Mataa dhukkubbii
    • Gubaa qaamaa 
    • Hoollannaa salphaa (chills)
    • Dhangala’aan bishaanii funyaan keessaa kan furdaa tahee fi bifa keelloo qabu
    •  Miira dadhabbii  

Rakkoolee dhibee utaalloo waliin wal qabatan maal tahuu maluu?

  1. Infeekshinii keessoo gurraa (Ear infection)
  2. Infeekshinii saayinisii (Sinus infection)
  3. Dhukkuba sombaa (Pneumonia)
  4. Infeekshinii toonsilii (Tonsillopharyngitis)

Akkaataa dhibee utaalloo daa’imman irratti yaaluu dandeenyu 

Qorichi dhibee utaalloof kennamu hin jiru. Daa’imman baay’een isaanii utaalloo irraa ofuma isaaniitiin ni fayyu. Antibaayootikoonni dhukkuba vaayirasii irratti hin hojjetan, kanaaf hin ajajaman. Daa’imni keessan miirri gaariin akka itti dhagaʼamu gargaaruuf:

  1. Dhangala’aa dabalataa kan akka bishaanii ykn cuunfalee kuduraa fi muduraa akka argatan gochuu.
  2. Boqonnaa gahaa akka argatan gochuu.
  3. Cufamuu funyaanii hir’isuuf Soogiddaa bishaan ho’e keessatti bulbuluun dabareedhaan suuta keessa keessa cophsuu fi sekoondii muraasaaf sukkuumuu (dabareen tahuu qaba).
  4. Aaratamboo fi aara mana keessaa irraa fageessuu
  5. Yeroo qaama gubutti bishaan ho’e uffata qaamaan jiisuun suuta daqiiqaa muraasaaf irra kaahuu (Qoma, garaa, dugdaa fi adda irra ni danda’ama). Akkasumas ajaja hakiimaan qoricha qaama gubaaf gargaaru parastaamoolii ykn Ibuprofen fayyadamuu.
  6. Daa’ima umriin isaanii ji’a 6 fi isaa gadi ta’eef gonkumaa ibuprofen hin kenninaa.
  7. Hanga daa’imni keessan sa’aatii 24f ho’a qaamaa irraa bilisa ta’utti mana keessa tursuu qabdu.

 Akkaataa dhibee utaalloo ittisuu dandeenyu

  1. Daa’imman fi namoota gurguddoo dhibee utaalloon qabaman irraa fageessuu.
  2. Daa’imman harka isaanii yeroo baay’ee akka dhiqatan barsiisuu. 
  3. Daa’imman ija, funyaan fi afaan isaanii akka hin tuttuqne yaadachiisuu.
  4. Meeshaaleen taphaa fi bakki taphaa sirritti qulqulleessuu, keessumaa daa’imman hedduu waliin yeroo taphatanitti.

Yoom hakiima bira geessuu qabnaa? 

Yoo daa’imni keessan kanneen armaan gadii qabaate hakiima ofii mariisisuun dirqama.

  1. Ho’i qaamaa 100.4°F (38°C) fi isaa ol ta’e
  2. Mallattoolee armaan olii guyyaa 10 ol turuu
  3. Mallattoolee akka aaduu, daddaffiin harganuu, hafuura baafachuu dadhabuu
  4. Garaa kaasaa fi ol deebisuu walitti fufinsa qabu
  5. Mallattoo duraan ture irraa adda tahe yoo mul’isan fa’a.

Views: 8

Leave a Reply

Related Post