Shiffee daayipparii daa’imman irratti

shiffee daayipparii
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/kpgx

Sharing is caring!

Shiffee daayipparii jechuun maalii?

Shiffee daayipparii jechuun shiffee naannoo teessuma fi qaama saalaa daa’imaa daayipariin haguugametti uumamuu, yeroo hedduu diimachuu gogaa naannoo sanaa fidudha. Shiffee daayippariif jechuuf dirqama gogaan naannoo teessumaa fi qaama saalaa madaa;uu ykn dhangala’aa kuufachuu hin qabu.

Advertisements

Daa’imman maaliif shiffee daayipparii qabamuu?

Yeroo baayyee yogguu gogaan fincaanii fi sagaraa yeroo dheeraaf turuun saaxilamuu isaatiin kan dhufudha. Jiidhinni gogaa akka miira hooqsisuu uumuun sana booda gogaan madaa’uu jalqaba. Isaa booda gogaan daayippariin rigamuun ni miidhama. Keemikaalonni fincaanii fi sagaraa keessa jiran gogaa daraan miidhuu fi shiffeen akka uumamu gochuu danda’u. Sababoonni biroo shiffee daayipparii fidan tokko tokko kanneen armaan gadiitu. Isaanis:-

  • Nyaata jajjaboo soorachuu jalqabuu
  • Daayipparii garmalee dhiphaa tahe daa’immanitti haguuguu
  • Garaa kaasaa ykn sagaraa amma amma dabarsuu
  • Daayipparii, qulqulleessitu (Baby wipes) ykn dibata kireemii daa’immaniitti alarjiin uumamuu 

Shiffee daayipparii akkamiin yaaluu dandeenyaa?

Rakkoon kuni guyyoota 2 hanga 3 keessatti fayyuu danda’a. Yaaluuf wantoota gochuu dandeessan ni jiru. Isaanis:-

  • Daa’imni keessan akkuma fincaan ykn sagaraa baaseen battalumatti daayippariiii jijjiiruu. Akkasumas halkan al tokko jijjiiruu barbaachisa ta’a.
  • Daayipparii erga jijjiirratanii booda qaama isaanii qulqulleessuu. Bishaan ho’aa fi huccuu dhiqannaa lallaafaadhaan suuta qulqulleessuudha.
  • Haxooftuu daa’imaa kanneen alkoolii fi urgooftuu qaban irraa fageessuu.
  • Saamunaa urgooftuu hin qabnee fi bishaan fayyadamuu 
  • Yeroo qulqulleessinutti riguu hin qabnu. Innis gogaa caalaatti miidhuu waan danda’uufi.
  • Erga qulqulleessinee booda osoo hin haquuqiin qilleensaan akka gogu gochuu.
  • kireemii ziinkii oksaayidii ajaja hakiimaan bitamu dibuu. Dibatni Kireemii kun yeroo daayipparii jijjiirrutti guutummaatti gogaa irraa ka’uu hin qabu.
  • Kireemii isteerooyidii naannoo teessuma daa’ima keessanii irratti hin fayyadaminaa.
  • Daa’imman yeroo rafanitti daayipparii isaanii irraa baasuu; Qilleensi akka gogsuu fi shiffeen suni akka fayyuuf gargaara.
  • Daayipparii yeroo daa’imaaf keenyutti jabeessinee hidhuu hin qabnu. 

Akkaataa shiffee daayipparii ittisuu dandeenyu

  1. hanga danda’ametti gogaan daa’ima keessanii qulqulluu fi gogaa taasisuu.
  2. Naannoo teessumaa fi qaama saalaa daa’immanii fuulduraa hanga duubaatti haxooftuu daa’imaa ykn bishaan ho’aa fi huccuu dhiqannaa lallaafaa ta’een qulqulleessuu. 
  3. Haxooftuu alkoolii ykn urgooftuu qabu fayyadamuu irraa of qusadhaa.
  4. Naannoo dacha’aa gogaa daa’imaa gidduu qulqulleessuu hin dagatiinaa.
  5. Osoo daayipparii hin kaahiiniif dura qilleensaan akka gogu gochuu
  6. Sagaraa fi fincaan yeroo baasanitti osoo irra hin tursiisiin jijjiiruu 
  7. Daayipparii osoo hin jabeessiin hidhuu. Kunis gogaan akka hin rigamneef gargaara.

 Yoom hakiima mariisisuu qabnaa?

  1. Bakki shiffeen itti bahe yoo dhukkubbii cimaa qabaate.
  2. Guyyaa 3 keessatti hin badu ykn fayyu dide, ykn hammaataa yoo deeme.
  3. Shiffee dhangala’aa of keessatti kuufateeru yoo uumame.
  4. Dhangala’aan malaa fakkaatu kan bahu yoo tahe.
  5. Gubaa qaamaa fi baayyee diimachuun dhiiga xiqqoo xiqqoo kan dhiigu yoo tahe.
  6. Shiffee naannoo fuulaa fi harkaa akkasumas garaa kaasaa fooyyee hin qabne waliin wal qabachuun kan turu yoo tahe.

Views: 6

Leave a Reply

Related Post

Ulfaatina qaamaa

Ulfaatina qaamaa dabaluuUlfaatina qaamaa dabaluu

Ulfaatina qaamaa dabaluun guddinaa fi bilchina daa’immanii keessatti waan barbaachisaa ta’edha. Daa’imman hundi saffisa mataa isaaniitiin kan guddatan yoo ta’u, daa’imman irratti ulfaatina qaamaa fayya qabeessa ta’een dabaluudhaaf qajeelfamni waliigalaa