Summaa’uu nyaataa fi Daa’imman

summaa'uu nyaataa
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/4mou

Sharing is caring!

Summaa’uu nyaataa maatiif mudannoo dhiphisaa ta’uu danda’a. Mallattoolee, yaala, fi tarkaanfiiwwan ittisaa fayyaa daa’imaa mirkaneessuuf beekuun barbaachisaadha. Barreeffama kana keessatti sababa, mallattoolee fi yaala Summaa’uu nyaataa daa’imman irratti ni argattu.

Advertisements

Sababootni summaa’uu nyaataa maalii?

  • Summaa’uun nyaataa yeroo baay’ee baakteeriyaa nyaata keessatti summii uumuun kan dhufudha. Maddoonni faalamaa beekamoo ta’an hanqaaquu hin bilchaatne, foon dheedhii ykn hin bilchaanne, kuduraalee hin bilchaatne, fuduraalee hin dhiqamin, nyaata galaanaa  hin bilchaanne fi aannan hin danfine kan dabalatudha. 

Mallattoolee summaa’uu nyaataa

  • Mallattoowwan summaa’uu nyaataa daa’imman irratti mul’atan garaa kaasaa, ol deebisuu fi lolloocca’uu kan dabalatu yoo ta’u, kunis bishaan qaama keessaa akka hir’atuuf sababa kan tahedha. Mallattoon summaa’uu nyaataa daa’imman umuriin isaanii guddaa ta’ee fi dargaggoota caalaa daa’imman xixiqqoo irratti cimaa akka tahe hubachuun barbaachisaadha.
Summaa'uu nyaataa

Summaa’uu nyaataa fi Daa’imman

Wal’aansa summaa’uu nyaataa

Yeroo baayyee daa’imman summii nyaataa qaban yaala fayyaa malee ofuma isaaniitiin ni fayyu. Haa ta’u malee, dhangala’oo fi elektiroolayitii badan bakka buusuun bishaan akka hin hir’anneef xiyyeeffachuun murteessaadha. Daa’immaniif ammoo akkuma barame bulbula (ORS) bishaan deebisuu afaaniin fudhatamu, aannan harmaa ykn foormulaa kennuunis ni gorfama. 

Tarkaanfiiwwan ittisaa

Daa’imman irratti summii nyaataa ittisuuf nyaanni ho’a sirrii ta’een akka kuufamu, akka gaariitti bilcheessuu, harkaa fi meeshaa qulqulluudhaan akka qophaa’u gochuu dabalata. Akkasumas gosoota nyaataa faalamaaf saaxilaman kanneen akka foon diimaa, foon lukkuu, nyaata galaanaa, hanqaaquu ykn kireemii irratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha.

Yoom Xiyyeeffannoo yaala Fayyaa barbaaduu qabnaa?

Daa’imni summii nyaataa qabu sa’aatii 24 booda fooyya’iinsa yoo hin agarsiifne gargaarsa yaalaa argachuun gaariidha. Dabalataanis, daa’imni mallattoo bishaan qaama keessaa hir’achuu kan akka fincaan xiqqaachuu ykn fincaan homaatuu baasuu dhabuu, ulfaatina qaamaa hir’isuu, dadhabbii fi dheebuu garmalee kan dabalatu yoo qabaatan, yaala fayyaaf mana yaalaa geessuun barbaachisaadha.

 

Goolaba

Maatiin daa’imman summii nyaataan isaan mudateef dammaqinaan kunuunsaa fi xiyyeeffannoo barbaachisaa ta’e kennuudhaan, saffisaan akka fayyaniif boqonnaa fi dhangala’aa gahaa akka argatan gochuun barbaachisaa dha.

 

Views: 6

Leave a Reply

Related Post