Talaalliin lubbuu daa’immanii ni baraaraa?

Sagantaa Talaallii
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/qydi

Sharing is caring!

Talaallii

Talaalliin karaalee daa’imman dhukkuboota ciccimoo irraa ittisuuf bu’a qabeessa ta’an keessaa isa tokko. Barreeffamni kun maatiif talaallii barbaachisoo ta’an, sagantaa isaanii fi faayidaa isaan daa’immaniif kennan irratti odeeffannoo barbaachisaa ta’e kenna.

Advertisements

Barbaachisummaan Talaallii maalii?

Talaalliin lubbuu namaa ni baraara. Dhukkuboota yeroo tokko daa’imman xixiqqoo, daa’immanii gurguddoo fi ga’eessota hedduu ajjeesan ykn miidhaa geessisan irraa ni eegu. Talaallii malee daa’imman dhukkuboota ciccimoo kanneen akka Gifiraa, Maampis, Ruubeellaa, fi peerchuusisii qabamuuf saaxilamu.

Sagantaalee Talaalliin itti kennamu

Sagantaan talaallii kun daa’imman xixiqqoo dhukkuboota lubbuu isaanii balaadhaaf saaxiluu danda’aniif osoo hin saaxilamiin dura akka eeguuf kan qophaa’edha. Talaalliiwwan murteessoo ta’an ilaalchisee ilaalchi waliigalaa gabaabaa kunooti:

  1. Dhaloota hanga Ji’a 15: Talaallii HBV, Roottavaayiraasii, DTaP (Diphtheria, Tetanus, and Pertussis), Hib (Haemophilus influenzae type b), Pneumococcus, Pooliyoo, fi MMR (Gifira, Maampisii, fi Ruubeellaa).
  2. Ji’a 18 hanga Waggaa 18: Varicella (Chickenpox), Hepatitis A, Meningococcal, fi HPV (Human Papillomavirus) dabalatu.

Faayidaan Sagantaa Talaalliin itti kennamuun qabuu maalii? 

  • Eegumsa yeroo gabaabaa: Talaalliin yeroo daa’imman baay’ee saaxilamoo ta’anitti dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu ni kenna.
  • Faayidaa Fayyaa yeroo dheeraa: Talaalliin yeroo daa’immummaatti kennamu yeroo ga’eessummaatti dhukkuboota irraa nama eeguu danda’a.
  • Faayidaa ittisa infeekshinii hawaasaa keessattii: Daa’imman baay’een isaanii yeroo talaalamanii, warra talaallii fudhachuu hin dandeenye dabalatee hawaasa guutuu eeguuf ni gargaara. Innis “Herd Immunity” jedhamuun beekama.

Nageenyaa fi bu’a qabeessummaa Talaallii

Talaalliin hayyama kennuu dura gadi fageenyaan qoratama, erga itti fayyadama irra jiranii boodas of eeggannoodhaan hordofama. Talaalliin fayyaa daa’ima keessanii eeguuf karaalee nageenya qaban keessaa isa tokkodha. Talaalliin rakkoo cinaa qabaatanis, isaanis salphaa fi miidhaa cimaa kan hin geessisnedha. Yeroo miidhaan cinaa uumamanitti gargaarsa salphaa kan akka dhukkubbii naannoo lilmee, fi gubaa qaamaa yaaluudhaan furmaata argata.

Goolaba

Daa’imman keessan akkaataa sagantaa gorfameen talaalsisuun fayyaa isaanii eeguu qofa osoo hin taane nageenya hawaasa keessaniif gumaachaa jirtu jechuudha. Talaalliin itti gaafatamummaa waliinii ta’uu isaa hubachuu barbaachisa. Dhaloota keenya egeree eegsisuuf waliin haa hojjennu.

 

Sagantaa Talaalliin itti kennamu asiin dubbisi.

Views: 24

Leave a Reply

Related Post