Talaalliin maalii?

Talaalii
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/klvi

Sharing is caring!

Talaalliin kunuunsa ittisaa fayyaa daa’immaniif kennaman keessaa isa murteessaadha.  Talaalliin daa’immaniif faayidaa akka ittisa dhukkuboota ciccimoo ykn dhukkuba lubbuu namaa balaa irra buusuu danda’an irraa eeguuf, tatamsa’ina infeekshinii ittisuuf, akkasumas akka waliigalaatti ummata keessatti dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu ijaaruuf kan gargaarudha.  Waa’ee talaallii daa’immaniif qabxiileen barbaachisoo ta’an tokko tokko kunooti:

Advertisements

Daa’imni tokko gosa talaallii fudhachuu qabu maal fa’aa?

Giddu-galli To’annoo fi Ittisa Dhukkubaa (CDC) fi Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) sagantaa talaallii daa’immaniif gorfame irratti qajeelfama ni kennu.  Sagantaan kun talaallii dhukkuboota akka Gifiraa (#Measle), #mump, #rubella, #chickenpox, #polio, #influenza, #hepatitis, #tetanus, #diphtheria, #Pertusis fi kanneen biroo of keessatti qabata.

Faayidaaleen Talaallii daa’immaniif qabu maalii?

  1. Talaalliin daa’imman dhukkuboota daddarboo rakkoo hamaa, hospitaala ciisuu, ykn du’a illee fiduu danda’an irraa ni eega.  
  2. Talaalliin dhukkuboota yeroo tokko baay’inaan mul’atanii fi lubbuu namaa galaafachuu danda’an kanneen akka pooliyoo fi Gifiraa baay’ee hir’isee jira.

Madinummaa tuutaa (Herd Immunity) Talaallii jechuun maalii?

Daa’imman talaaluun dhuunfaan isaan eeguu qofa osoo hin taane madinummaa tuutaaf gumaacha qaba.  Uummata tokko keessaa dhibbeentaan guddaan yeroo talaallii fudhatamu, tamsa’ina dhukkubootaa daangessuuf gargaara, namoota saaxilamoo ta’an kanneen sababa fayyaatiin talaallii fudhachuu hin dandeenye, kan akka daa’immanii ykn kanneen sirni ittisa qaamaa isaanii laafaa ta’e ni eega jechuudha.

Sagantaa talaalliin daa’immaniif kennamuu qabu

Akkaataa sagantaa ministeerri fayyaa Itiyoophiyaas tahe dhaabbanni fayyaa addunyaa ibsanitti talaalliin guyyaa daa’imni dhalatu irraa eegaluun ni kennama. Innis umurii irratti hundaa’uun gosoota garagaraatu kennama. Sagantaa kanas gabatee armaan gadii irraa ni argattu.

Nageenyummaa fi bu’a qabeessummaa Talaallii

Talaalliin itti fayyadamuuf osoo hin mirkanaa’iin dura nageenyummaa fi bu’a qabeessummaa isaaf qorannoo fi hordoffii cimaa keessa darba.  Miidhaan cinaa (#Side_effect) beekamaan bakka limmee waraanamettii dhukkubbii, ho’a qaamaa salphaa ykn kulkulfannaa qaamaa salphaa ta’uu danda’a.  Miidhaan cimaan talaalliin qaqqabsiisuu baayyee xiqqaadha.

Dhukkubootni Talaalliin ittifamuu danda’an maal fa’aa?

Dhukkuboonni talaalliin ittifamuu danda’an daa’imman irratti miidhaa hamaa geessisuu danda’u, kunis miidhaa sammuu, dhukkuba somba, garaa kaasaa, dhageettiin duuduu, jaamina ijaa ykn du’a dabalateeti.  Talaalliin carraa dhukkuboota kanaa fi rakkoolee isaan waliin walqabatan haalaan hir’isa jechuudha.

Odeeffannoon dogoggoraa Talaallii irratti jiru maalii?

Odeeffannoo sirrii waa’ee talaallii argachuuf maddoota odeeffannoo amanamoo ta’an kan akka kennitoota eegumsa fayyaa, biiroolee mootummaa, ykn dhaabbilee yaalaa beekamoo ta’an irratti hundaa’uun barbaachisaa dha.  Odeeffannoo dogoggoraa ykn himannaa bu’uura hin qabne kan talaallii irraa duubatti deebisan ykn akka hin fudhanne taasisuu malan irra of qusachuu barbaachisa. 

Goolaba

Walumaagalatti, talaalliin qaama ijoo kunuunsa fayyaa daa’immanii yoo ta’u, dhukkuboota hedduu irraa isaan eeguu fi fayyaa hawaasaaf gumaacha qaba.  Daa’imman akkaataa sagantaa barbaachisaa ta’een talaallii gorfame akka argatan ogeessota eegumsa fayyaa waliin mari’achuun barbaachisaa dha. Daa’imman waggaa shanii gadii osoo talaallii hin fudhatiin hafanis akkaataa sagantaa isaan talaallii barbaachisu argachuu waan qabaniif talaalsisuu hin dagatiinaa!

Views: 49

Leave a Reply

Related Post