Toonsilii daa’immanii irratti wantootni beekuu qabnu maalii?

Toonsilii
The short URL of the present article is: https://childhealthexpert.com/9tad

Sharing is caring!

Toonsilii jechuun maalii?

Tonsilii jechuun akka yaadne sanatti dhukkuba miti. Toonsiliin walitti qabama xannachoota xixiqqoo seelii uumamaan qaama keenya irraa dhukkuba ittisuuf gargaaraniidha. Innis utubaa qoonqoo keenya gara duubaa, arraba duuba, laagaa fi kutaalee funyaan keessaa gama duubaa wal qunnamsiisudha.

Advertisements

Gosootni Toonsilii fi moggaasaaleen isaanii maalii?

  1. Toonsilii arraba duubaa irratti mul’atu (lingual tonsil).
  2. Toonsilii laagaa irratti argamu (Palatine tonsil)
  3. Toonsilii laagaa fi qaawwa keessoo gurraa gama duubaati argamu (Tubal tonsils)
  4. Adenoids / pharyngeal tonsils (utubaa afaanii gubbaa fi gama keessoo funyaaniitti maxxanee kan argamudha).

Toonsiliin kan uumama gaafa daa’imni gadameessa haadhaa keessatti uumamu torban jalqabaa 4-6 keessattidha.

Faayidaaleen Toonsilii maalii?

Baakteeriyaa afaanii fi funyaaniin seenan nurraa dhorkuudha. Isaanis qaama Tishuu limfooyidii membireenii wajjin walitti maxxananii jiranidha. Infeekshinii ittisuu keessatti iddoo guddaa qabu. Madinummaa jalqabaa (primary immunity) jarmoota nurraa eegan keessaa tokkodha.

Toonsilii fi huubni qoonqoo tokkodha moo addaa?

  • Lamaanuu naannoo laagaa keessatti argamu. Garuu walitti dhufeenyi isaanii ollummaa malee tajaajilli kennan kan wal fakkaatu miti.
  • Huuba qoonqoo (Uvula):- Huubni qoonqoo qaama laagaa keessaa gadi rarraatee mul’attudha. Nyaata naannessuu, liqimsuu fi dubbii afaanii keessatti gahee guddaa kan qabudha; Toonsilii wajjin waan wal qabatu hin qabu.

Infeekshiniin Toonsilii daa’immanii maalii?

Dhibeen kuni yeroo Toonsiliin fi keessoon laagaa jarmootaan weeraramanidha.Jarmootni kunis Vaayiraasii, baakteeriyaa tahuu danda’u.

Vaayireesota infeekshinii toonsilii fidan:

  • Adeenoovaayirasii,
  • Enterovirus,
  • Epstein-Barr virus,
  • Herpes virus
  • Measle
  • Cytomegalovirus kan jedhamanidha.

Baakteeriyaa infeekshinii Toonsilii fidan:

  • GABHS-baay’inaan mul’atan,
  • S.pyogens,
  • M.pneumonia,
  • Baakteeriyaa giraam negaatiivii keessaa tahan- (10-15%).

Mallattooleen Infeekshinii Toonsilii maal fa’aa?

  • Ho’insa/gubaa qaamaa,
  • Liqimsuu dadhabuu/dhukkubbii eroo liqimsuu:
  • mataa dhukkubbii,
  • Foolii afaanii badaa,
  • Dhiita’uu xannachoota naannoo mormaa keenyaa jiranii,
  • Yeroo rafiitii kurruufuu
Toonsilii

Infeekshinii Toonsilii daa’immanii

Karaaleen daddarbinsa Infeekshinii Toonsilii maalii

  1. Dhangalaa yeroo hargansuu
  2. Tuquudhaan

Infeekshiniin toonsilii baakteeriyaan dhufu daa’imman umuriin isaanii waggaa lamaa ol ta’e kan miidhu yoo ta’u, irra caalaan isaanii umuriin isaanii waggaa 5-15 gidduutti kan argamanidha. Daa’imman waggaa lamaa gadii irra caalaa infeekshinii Toonsilii Vaayirasiin dhufuun qabamu; carraan baakteeriyaan qabamuu xiqqaa tahus umurii waggaa tokkoo booda ni jiraata. Waggaa tokko dura garuu carraan infeekshinii toonsilii baakteeriyaan dhufuu qabamuu baayyee baayyee xiqqaadha.

Rakkoolee infeekshinii Toonsiliin wajjin walqabatan maalii?

  1. Malaa kuufachuu naannoo Toonsilii (tonsillar and retropharyngeal abscess)
  2. Dhukkuba Sombaa (Pneumonia)
  3. Infeekshinii haguugduu sammuu (Mmeningitis)
  4. Dhukkuba Onnee gosa Rihuumatik jedhaman (Rheumatic heart diseases)
  5. Dhukkuba Kalee (Post-streptococcal glomerulonephritis)
  6. Dhiitahuu Toonsilii (adenotonsilar hypertrophy)

Infeekshinii Toonsilii akkamiin yaaluu dandeenyaa?

Jalqaba irratti, sababni isaa baakteeriyaa ykn vaayirasii ta’uu isaa adda baasuun barbaachisaadha. Karaalee adda baasuu dandeenyu kan armaan gadiiti. Isaanis:-

  • Yoo vaayirasii ta’e mallattoon utaalloo ni jiraatu; garuu, yeroo tokko tokko vaayirasii ta’ee jalqabee gara baakteeriyaatti jijjiiramuu waan danda’uuf of eeggannoo gochuu qabna.
    1. Yoo malaa kan of irraa qabu tahe mallattoo baakteeriyaati garuu kanas mirkaneeffachuu barbaachisaa.
    2. Yoo foon ilkaanii, hidhii ykn arrabni yoo kan dhukkubu tahe mallattoo vaayirasii ti.
    3. Qorannoo seelii dhiiga adii fi kan kanaan walqabatu taasisuun
    4. Wanta akka adii fakkaatu kan toonsilii irra faca’ee jiruu yoo tahe kan baakteeriyaan dhufudha.
  • Dhukkubbii kan hir’isu fudhachuu/kennuu
  • Qoricha farra baakteeriyaa- Kuni sababni infeekshinii toonsilii yoo baakteeriyaa tahe qofa kennama.
  • Dhangala’aa gahaa fudhachuu fi boqonnaa.
  • Bishaaniin ulachuunis faayidaa ni qabaata
  • Cuunfaa Burtukaana ykn loomii xuuxuun/akka dhugan gochuu faayidaa ni qabaata.
  • Madaa afaan keessaa yoo jiraatee fi dhukkubbiin kan rakkisu yoo tahe ashaboo bishaan bulluqetti dabaluun akka lulluuqatan gochuunis ni fayyada.

Views: 63

Leave a Reply

Related Post